Tuesday, November 10, 2015

Oromiyaa Lixaatti Leenjii Siyaasa kennamaa jiru Ummati Balaaleffate!

(Qeerroo, Naqamtee, 10 Sadaasa 2015) Oromiyaa Lixaa, aanaa Bonayyaa Boshee, aanaa sibuu siree,Leeqaa dullachaa,waamaa Hagaloo fi Nuunnuu Qumbaa keessatti leenjiin siyaasaa gaggeeffamaa jira; ummatis isaan balaaleffacha jira.
Gabaastoti Qeerroo akka ibsanitti, guutummaa onoota bahaa wallaggaatti leenjiin maqaa karoora guddinaafi tiraanisfoormeeshinii marsaa lammaaffaa jedhu adeemsifamaa jira.
Akeeki leenjichaa maqaa KGT marsaa lammaaffaa dawoo kan godhateefi leenjii afuufa TPLF aangoorra tursiisuuf miixatamudhas jedhameera.
Hirmaattoti muudami lafa dhalootaa,lagaafi gandaan Oromoo adda babasanii bulchuuf geggeessamu haadhabbatu kan jedhan dha.
Geggeessitoonni OPDO gamoo waajjira DhUO OPDO ijaaruuf dirqamaan miseensi miindaa ji’aa irraa 30% kanneen miseensa hintaane immoo 15% ijaaruuf dirqamaan kuttu wayita jedhametti, hirmaattoti utuu uummanni kitila kudhashan(15,000,000)beelaan dhumuu dhimmi waajjira ijaaruu dhimma murteessaa miti uummati keenya balaa beelaarra ammas akka baraaramuuf dursa laanna jedhan
Sababa kanaafis namooti yaada kana maddisiisan haala jabduudhaan Leeqaa Dullachaati qorataa akka jiranis beekameera.

No comments:

Post a Comment