Monday, November 30, 2015

Oduu Ammee:- Wallagga Magaalaa Ayiraa Keessatti Diddaan Barattoota Oromoo Itti Fufe Jedha Gabaasi Qeerroo.

By 
Sadaasa 30,2015 Ayiraa Gullisoo
Yes We Can!!!FDG har’a Sadaasa 30,2015 Oromiyaa dhaabbilee barnootaa fi godinale garagaraa keeysatti itti fufee jira.
Odeessa amma nu qaqqabaa jiruun
1.Godina wallagga lixaa aanaalee garagaraa keessatti torbee darbe FDG finiinee jiru osoo wal irraa hin cinne hanga har’aatti jabeeffamee itti fufeera. Bifa haaraadhaan har’a barattootni mana barumsaatii bahuudhaan Wallagga aanaa Aayiraa keessatti dhagaa fi dullaa qabachuun dhaadannoo dhageesisaa humna waraana wayyaanee diddaa kana dura dhaabbatuuf ramadame waliin lola gaggeeysaaa oolaaniru. Barattoota deggeruudhaan qonaan bulaan diddaa magaala Ayiraatti barattootaan qabateen itti hirmaachuudhaan wal’aansoo fi dhaadannoo dhageesisaa jiru. Maanguddooliin akkasuma gaaffii barattootaa ni deggerra jechuun daandii bahan. Sagalee barattootaa dhaadannoo dhageessifameen sirbootni qabsoo sa’a kana ganama irraa kaasee kan itti fufeedha. Godinaalee mara magaalota keessattis haaluma wal fakkaadhaan itti fufee jira.
2.Dhaabbilee barnootaa garagaraa keeysattis diddaan qabatee akkuma jiru har’a Yuuniversitiin Haromayyaa hiriira bahaniin dhaadannoo dhageesisaa kan turan yoommuu tahu waraanni wayyaanee kora bittinneessaa fi waraanni agaazii jedhamu barattoota dhaanuu irratti kan argameedha. Barattootni hedduun kan miidhaman yoo tahullee diddaan barattootaan qabate kan itti fufee hn dhaabbatiin jiruudha.Yuuniversitii biroon Mattuu, Jimmaa, Amboo fi Adaamaa dabalatee humni waraanaa naannoshee buufatee akka jirus Qeeyroon nuuf addeessee jira.

No comments:

Post a Comment