Tuesday, November 3, 2015

“Ni Dandeenya”: Tokkumaa Artistoota Dubartoota Oromoo, Finfinnee, Onkoloolessa 31, 2015



Onkoloolessa 31 bara 2015,Sambata duraa darbee, Oromootni Finfinnee sirna howwaan galma Walga’ii Finfinnee jedhamu Caffee Tumaati argamuti walga’aniiru. Sababiin guddaan walitti nu qabee ammoo Gumaata eebba kilippii fi wallee haaraa Saliha Sami mata duree “Ni Dandeenya” jedhuun akkasumaas Qophii haadha Siqqee fi Sirna Ateetee Dubartootaa Artiistoota Oromootiin dawwachuuf ture. Anaafi Oromoota hedduuf garuu Oromoo fi Oromummaa dagaage arguun kayyoo keenya jalqabaati jedheen amana dhiyeenya kana Oromoon waliif owwachuu jalqabuun isaa bakka walgeetti Oromoon jira jedhame hundumaati namni fedhiidhaan hirmaachaa jira waan hedduu nama gammachiisuufi onnee nama keessatti horuudha. Guyyaa kanaas taateewwan ajaa’ibsiisoon adda addaa rawaatamanii jiru isaaniis yeroo hundumaa waltajjii hedduu irratti artiistoota dhiiraa qofaa argina turree guyyaa kana garuu artiistoota dubartoota qofaan tajaajila bashananaa guutuu argatanii galuun bayyee nama gammachiisa.
Inni lammaffaa Oromoota Rayyaa takkaa ija keenyaan arginee hin beekne kudhanii ol Artiisti Saalihaan kiloomeetirii hedduu qaxaamuranii akka dhufaan taasisuudhan qaama sagantaa kana akka ta’an gochuunis waan dinqiidha. Sagantaa kana irratti haasawaa durbartiin Rayyaa tokko dubbattee ana ajaa’ibe akkana jette “Ijjollee biyya keenyaa akkam ooltaan nuyii eegaa Oromoon hin jira jechuu gurraan dhaga’aa turre malee Obboleeyyan keenya jiraachuu ija keenyaan hin arginee, amma eegaa isiin jallannee jira obboleeyyan keenya wajjin waliitti makamuu fi sirba Oromoos akkanatti dhaga’uun, ani amma waggaa 45 ergaan dhaladhee Oromoo gurran dhaga’a malee takkaa argee hin beeku,” hedduu ana ajaa’ibe ummata sanyii, qomoo fi dhiiga tokko, biyya tokko keessa jiraachaa waggaa 45 oliif jiraachuu ummata kana ijaan argee hin beekne dinqiidha hundumti keenya of haa gaafannumee?
Sadaffaan sirni kabaajaa fi badhaasa durbartoota Oromoo gama hundaan shoora oolanaa taphataniis taasifamee waan ajaa’ibaati.
Durbartoota fakkeenyummaa cimaa taasisaan keessaa badhaasa fi kabajaa kan argataan keessaa isheen jalqabaa Artiistii Saalihaa Saamiidha kan ishee badhaasee koree dhimma kanaaf dhabbate yoo ta’uu waancaa urjii shan ofirraa qabu argattee jirti. Kana malees durbartootni kannen akka
  • Adde Makiyaa Ammayyuu dubartii Oromoo dinagdeen fakkeenyuummaa qabdu 
  • Haadha Warraa Artiisti Doktoor Alii Birraa Aaddee Lillii fi 
  • Haadha Warraa Artiisti Zaarihun Wadajoo Addee Olaantuu
  • Artiistoota Oromoo kabajamoo kana kununsanii guyyaa har’aan ga’uu isaaniitiif
  • Haadha Caayaa dubartii Oromoo jabiinaa fi sabboonummaa guddaan ijjoleeshee barsiisuudhaan
  • Artiisti Haalloo Dawwee Umuurii ishee guutuu artii Oromoo keessatti dabarsuu isheetiif
  • Ayyoo Guddatuu Kabajaa ishee aadaa Oromoof qabduufi fakkeenya bareedina Oromoo waan taateef 
  • Adde Fardoosaa Huccuu Aadaa Oromoo bifa ammayyaan dizaayinii gochuudhaan addunyaaf beeksisuudhaan 
  • Dubree Lallistuu Toofik kitaaba Afaan Oromoo Imala Jireenyaa jedhu barreesuufi fakkeenya barreesituu Hogbarruu Oromoo ta’uudhaan
  • Artiist Hawwii/Caaltuu Eelaa Kabajaa fi tumsa isheen guddina aartii Oromoof gumaachiteen
  • Akkasumaas Kadhimamaa PHD Tafaarii Nigusee,
  • Rayyaa Biiraa fi
  • TV OBS tumsa isaan sagantaa kanaaf qabaniif badhaasa addaa argataniiru.
Sagantaa kana irrattis sirni siqqee walharkaa fuudhuu Artiisti Halloo Dawwee fi Artiisti Salihaa Saamii gidduutti taasifameera kuniis aartii Oromoo labata dhufuuti dabarsuu fi guddina inni amma agarsiisaa jiru kana jajjabeesuu hikkaa jedhu qaba.
Waan hundumaafuu Oromootni Finfinneefi Nannawaa ishee jirtaan tumsaa fi birmannaa artii keessan irratti taasisaa jirtaan olaanaa ta’uu fi akka layyoo kan hin ilaalamne ta’uu hubachuudhaan akkuma ammaleefanne bakka sagantaan Oromoo jira jedhame hundumaati argamne gumaacha lammummaa ba’uun dirqamaan jedha ammas kana malees yeroo akkanatti baanee hirmaannu diina garaan akka gubatuus hin dagatiinan dhamsa kooti.
Horaa Bulaa
Gammadaa Olaanaa
Rabador Art Promotion irraa

12191669_1057811840910246_9067851136541639677_n
tokkumaa-artiistoo-dubartoota-oromoo1tokkumaa-artiistoo-dubartoota-oromoo4tokkumaa-artiistoo-dubartoota-oromoo5tokkumaa-artiistoo-dubartoota-oromoo-31-onkoloolessa-31-bara-2015-finfinnee-oromoota-raayyaa-waliin

No comments:

Post a Comment