Wednesday, November 18, 2015

Hirirri mormii master plan Finfine Berlin keessatti sadassa 13,2015 gaggeeffame.

By 
Hiriirra mormii tokkumma baratoota Oromoo caayaa ABO fi hawassa Oromoo
waliin gageffame irratti roorroo ummata Oromoo irra gahaa jiru balaaleffataniiru.
Mormii hirirraa kana irratti namootaa hedduun irra qoodaa fudhataniiru. Keessumaa dhalonii qubee heduminnan kan argamanii fi gara fulduratiis qabsoon keenyaa daraan akka jabatuu fi bilisummaan keenyaa gonfanuuf hundumtuu gahee mataa mataa isaa bahachuu akka qabuu dhamsii waalii galaa dabree jiraa.
Mormiin hirirra kun eddo fi bakka barbachisoo tahaan hundaa kan demamee fi iyyannon xalayyan kan galfamee yerroo tahuu ,dhimmaa mormii motumaa abba irree halaan balaleffachaa olamee jirra.
Qabsoon Uummataa bal´aa Oromoo degartoota kayyoo fi dandii siyasaa ABOtti warrii amman dhabileen adda addaa heduminaan irra qoodaa fudhataaan jiruu.
Dhaadanolee fi ejjennon TBOJ caayaa ABO fi hawassaa qabsoo bilisumma oromoo degaraan ,
Ø Heerrii fi seerri Oromoof hin hojjenne, Oromoorattis hojjechuu hin qabu.
Ø Master plan , finfinne hangaa oromoon lafaa irraa jirutti hojji irra oluu hin qabu.
Ø Ajjeecha fi sanyii dugugga icittiin Oromoota irratti gageeffama jiruu hatataaman dhabachuu qaba.
Ø Hidhaa siyassaan mana hidhaa kessatti gidirfamaa jiran gadhifamuu qabu.
Ø Saamichi lafaa fi toftaalee adda addaan qe´ee irraa buqiifaamaa jiraan dhabachuu qabaa
Ø Gaaffiin Oromoo gaaffii abbaa biyyuummaa ti
Ø Sarbamuu mirgaa namummaa fi reebichaa garaa jabinaan irraa gaha jiruu dhabachuu qaba .
Ø Akkasumaas rakkolee adda addaa Saba keenyaa irraan otoo waal irraa hin citiin gahaa jiruu kun dhabachuu qaba.
Ø Itti dabalataan baatiin Sadaasaa qabsa´otaafi saboontotaa Oromoo biratti baatii adda tahee dha , kanaafuu fincilaa diddaa gabruumma (FDG) kan biyyaa jarmaan bara 2015 mormii hiriiraa waaliin waal qabsisuun qabsa´otaa keenyaa wareegamaan yadatamee oleraa.

No comments:

Post a Comment