Thursday, December 3, 2015

Buraayyuu Keessatti Diddaa Baratootaa Ka’een Kan Wal Qabatee Poolisootni Oromiyaa 7 Ukkaamfaman. Naqamtetti Ammoo Poolisoonni Naannoo Oromiyaa Motummaa Lagachaa Jiru.

Oduu Ammee:  Mudde 3,2015 Odeessa Qeerroo Finfinnee

img0029a
Godinaalee addaa oromiyatti akkuma kaleeysa odeessa dhaamne FDG osoo wal irraa adda hin citannee magaalota addaa Oromiyaatti ittuma fufeetu jira.
Har’a magaala Buraayyuutti diddaan barattoota mana barumsaa sadarkaa 1ffaa irraa kaasee hanga mana barumsaa qophaayinatti kan itti fufee jiru tahuu Qeerroon gabaasaa jira.Haaluma kanaanis deggertoota FDG jedhamuun Poolisoonni Oromiyaa 7 ukkaamfamanii jiru. Barattoootni mana barumsaa garagaraa Buraayyuu yeroo ammaa kana didda finiinsaniin mormii Maaster Pilaanii balaaleffachuu hanga daandiin
cufamuun waraanni wayyaanee fi korri bittimneessaan bobbahee dhufuttis jabinaan itti fufanii jiru.
Daandiwwan konkolaataa hunduu cufamee jira. Namootni nagaanis yeroo ammaa kana daandiirraa qabamuun ukkaamfamanii bakka buuteen isaanii dhabamaa jira. Dhaadannoon mormii Maaster pilaanii fi gaaffiin mirgaa garuu miidhaa uummata irra gahaa jiruun hin dhaabbanne itti fufeetu jira.
Kana malees Poolisoonni Oromiyaa godina Wallaggaa magaalaa Naqamtee sochii FDG deggeruun mootummaa Wayyaaneetti dudda galagalchuun walgahii isaanii lagataa jiru.

No comments:

Post a Comment