Friday, December 4, 2015

FDG Yuniversitii Wallaggaatti Qabatee Itti Fufeen Barattooti 100 Ol Hidhaman,Irra Guddaan Isaanii Barnoota Waggaa 4ffaa Kanneen Baratani Ta’uu Qeerroon Gabaase.

Mudde 04,2015 Naqamte
Because I am OromoHalkan edaa Fincila Diddaa Gabrummaa Yuuniversitii Wallaggaa keessatti qabate irratti mootummaan barattoota Oromoo hedduu reebuu fi doormii galee qabeenya isaanii gutuu saamuun bittinsuu fi sakatta’uun mancaasaa ture. Irra Guddaa isaanii reebichaan yeroo mooraa keessaa wal qabaa turanitti barattoota Oromoo ta’an 100 ol ammo mana hidhaatti guuree jira.
Kanneen keessaa:-
  1. Barataa Gaxxuu Abdiisaa  Elektirical engineering Waggaa 4ffaa
  2. Barataa Badhaasaa Tufaa Mechanical engineering Waggaa 4ffaa
  3. Barataa Ayyanoo Kumsaa Elelctiral Waggaa 4ffaa
Kanneen jedhan keessatti yeroo argaman galmee namoota hanga ammaatti hidhamanii yeroo gabaabaatti Qeerroon ni gabaasa.

No comments:

Post a Comment