Monday, December 7, 2015

Mooraa Yuuniversitii Adaamaa, Amboo, Finfinnee, Hawaasaa fi Jimmaatti Har’a FDG Itti Fufee Jira


32(Qeerroo) –Mooraa YuuniversitiiAdaamaa, Amboo, Finfinnee, Hawaasaa fi Jimmaatti har’a FDG itti fufee jira. Yuuniversitiiwwan kanneen irra adda kan taasisu yuuniversitii Adaamaa keessatti FDG qabatee jiru kan dhaamuu fi humna waraana wayyaaneen boodatti deebi’u osoo hin taanee kan ijaarsa hundee gadi fageeffatee jiru hojjettoota mootummaa mooraa yuuniversitii guutummaa habashaa irraa kan hafe, barataan oromoo guutummaan yuuniversitii keessaa miseensotaa fi deggertoota OPDO dabalatee gaaffiin keenya gaaffii sabaati gaaffiin kenya lafaati saamamuu lafaa fi ciramuu lafa keenyaa jabeessine mormina kan jedhanis msieensota OPDO gaaffii abbaa biyyummaa har’a FDGn magaalaa fi mooraa yuuniversitii Adaamatti gaggeeffamaa jira.Humni waraanaa magaala Adaamaa buufatee jiru kan har’a magaala Finfinnee irraa ergame poolisii federaalaa lakkoofsa 5,6, fi 7 keessa magaala Finfinneetti argamu  diddaa yuuniversitii Adaamaa dura dhaabbachuuf guuuramee jira.
Dhaadannoowwan yeroo amma barattootaan gaggeeffamaa jiran
  • Abbummaan oromiyaa oromoodhaan haa mirkanooftu
  • Maaster Pilaanii tooftaa duguuggaa sanyii ilmaan oromoof kaayyeffameedha hojiirra ooluu hin qabu
  • caaseffama magaala oromiyaa jedhamee bahe ni mormina
  • Mootummaan wayyaanee nun bulchin
  • Qaroon keenya WBO dha!
  • Abdiin keenya ABO!
  • Gumaa barattoota keenya ni baasna!
  • Alagaan nun dhaalin!
  • Maasteer pilaanin gonkumaa hojirra hin oolin
jechuudhaan har’a ganama sa’a 1:00 irraa kaasee FDGn magaalaa Adaamaa fimooraa yuuniversitii Adaamaa akkasuma koollejjiwwan garagaraa magaala Adaamaa keessatti itti fufee jira.
Oromiyaan hanga bilisoomtutti, diinni uummata oromoo mootummaan wayyaanee abbaa irree hanga xumuree oromiyaa gadhiisutti diddaan Qeerroo fi uummata oromootiin itti fufa!

No comments:

Post a Comment