Friday, December 25, 2015

Mudde 25,2015 Yuuniverstii Wallaggaa Mooraa Naqamtee Keessatti Diddaan Sirna Wayyaanee Itti Fufe.

Mudde 25,2015 Naqamte
FDG itti fufuun gaaffiin uummata Oromoo deebii argachuu qaba hidhamtootii fi hogganootiin siyaasaa hidhaman daddaffiin haa gadhiifaman jechuun barattooti Oromoo Yuuniversitii Wallaggaa mooraa Naqamtee sagalee isaanii dhageessifataa oolan,mootummaan Wayyaanee Itiyophiyaan waraana fi humna poolisaa mooraatti guuruun barattoota burjaajessaa oole.Qawwee dhukaasuu fi humnaan barattootatti roorrisuu irraan kan ke’e humni waraana Wayyaanee kun ammoo gaaffi haqaa barattooti qaban keessatti ukkaamsuu hin dandeenye.

No comments:

Post a Comment