WalisoooMudde 04,2015 Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Walisoo Damee Amboo Guyyaa Guutuu Waraana wayyaaneen Eegamaa olani galgala
kana FDG Sirna Faashistii Wayyaanee irratti kaachisuun mormii karoora master pilaanii Finfinnee fi Labsii Oromiyaa dura dhaabbachuun Gaaffii
mirga abbaa biyyummaa kaachisuun Falmachuutti seenan.
Goototni Barattootn Orpmoo Yuunibarsiitii Walisoo Damee Amboo halkan guutuu dhaadannoo Mootummaa Wayyaanee uummata keenya karaa nagaa fi Dimookiraasii gaaffii gaafachaa jirru ajjeesaa jiru seeratti dhiyaachuu qaba, karoorri master pilaanii finfinnee fi labsii Magaalota Oromiyaa haqamuu qaba, Gaaffii mirga Abbaa Biyyummaaf deebiin nuuf kennamuu qaba, mirgootni dimookiraasii fi namummaa nuuf
haa kabajamu jechuun Dhaadannoo guddaa dhageesisuun Warraaqsa FDG jabeessuun itti fufan. Mootummaan Wayyaanee humna Waraanaa Poolisii Federaalaa halkaniin barattootatti seensisuun dhaadannoo gaaffii mirgaa dhageesisaa jiran ukkamsuuf barattoota goolaa kan bulan ta’uun
ibsame jira. Barattootni Oromoo diddaa isaanii jabeessuun itti itti fufan haaluma Walfakkaatuun Halkan edaa mooraa Yuunibarsiitii Wallaggaa fi Walisoo keessatti FDG halkanumaan gaggeeffamaa kan bule ta’uun gabaafamera