Thursday, October 1, 2015

Mormiin Murtii Master Plan Finfinnee Irreecha Irratti

Mormiin Murtii Master Plan Finfinnee Irreecha Hora Arsadii Irratti Ni Ka’a Sababaa Jedhuun Mootummaan Wayyaanee Irreecha 2015 Bacancarsuuf Shiroota Gurguddaa Wixinachuu Isaa Qeerroon Saaxile.

12043200_10153054540351244_7361479620058091101_n(Qeerroo) — Mormiin Murtii Master Plan Finfinnee Irreecha Hora Arsadii Irratti Ni Ka’a Sababaa Jedhuun Mootummaan Wayyaanee Irreecha 2015 Bacancarsuuf Shiroota Gurguddaa Wixinachuu Isaa Qeerroon Saaxile.
Shiroota mootummaan Wayyaanee EPRDF Ayyaana Irreechaa Bara 2015 Hora Arsadii Bishooftuutti Kabajamuuf jiru bacancarsuuf wixinatee itti jirtu keessaa akka armaa gadii ta’a.
1. Uummataa Oromoo Aadaa, Duudhaa ,amantaa, fi eenyummaa isaa kabajachuu fi Addunyaatti beeksifachuuf hedduminaan socho’aa jiruu irraa naasuu guddaa keessa seenuun heddummina uummataa sirna kana hirmaatanii xiqqeessuuf sadarkaa Godinaa, Aanaa, fi magaalotaatti baayinni namoota sirna kana irratti argamuu karaa Waajjira aadaa fi Turizimii OPDO’n hundeessiteen waraqaan kennamee fi konkolaataan
ramadameefii sadarkaa Aanaa fi Magaalotaatti namoota 120 hin caalleef akka eeyyamni hirmannaa sirna kanaa kennamuuf shirri ukkaamsaa Uummata keenyaa irratti dalagamaa jiraachuun beekamee, Namoota Waajjirrii Aadaa fi Turizimii OPDO’ Wayyaanee galmeessanii ergan malee Uummatni Oromoo guddaan akka hin hirmaanneef akka dhorkamuuf shirrii ulfaataan akka Uummatni Oromoo Waaqaa isa Uumme illee hin kadhannee fi hin galateeffanneef ukkaamsaan ulfaataan uummata keenya irra kaa’ame jiraachuun saaxilame!!
  1.  Maqaa sakkatta’insa jedhuun Kellaawwaan Oromiyaa cufaa fi Kellaawwaan xixxiqoo haaraa uumuun humna Waraanaa fi Loltuu Raayyaa Waraanaa fi Poolisii maqaaf Kora Bittinneessaa Oromiyaa jedhamu kellaawwaan kana irra qubsiisuun Uummata Oromoo nagaan uffata aadaan Faayaamee gara Irreechaatti Sochoo’uu danquun akka hin hirmanneef, kaan qabanii daandii irra tursiisuu, kaan hidhuu fi kaan immoo ittisuun deebisuuf kan boba’ee ta’uu maddeen saaxilan. Shirrii uukkamsaa fi mirga namummaa/Mirga uumamaa Oromoon qabuu fi mirga Dimookiraasii Oromoon qabu ukkaamsuu kunis haala armaan gadiin sakkaatta’insa irraa eegaluun kan hojii irraa olchuuf Wayyaaneen fiigaa jirtuu ta’uu madden gabaasan.
  2.  Uummata Oromoo Godina Lixa Oromiyaa Wallaggaa Lixaa,Wallaggaa Bahaa, Horroo Guduruu Wallaggaa fi Aanaa Midaa Qanyii
    irraa gara Irreechaatti socho’an AANAA CALLIYAA MAGAALAA GEEDOO irratti sakkatta’insaa, hidhaa fi qabanii deebisuuf kan jiran ta’uun
    saaxilame.
  3.  MAGAALAA AMBOO bakka Awwaaroo jedhamutti Kellaa Haarawaa dhaabuun uummata ukkamsuu, hidhuu fi Irreecha irraa hambisuuf kan
    karoorfatan ta’uun saaxilame.
  4. MAGAALAA HOLOOTAA irratti sakkatta’insaa ulfaataa, uummata ukkaamsuu fi Ayyaanaa irreechaa irratti akka hin argamneef Kellaa
    3ffaa Dhihaa Oromiyaa irratti shira guddaaf qopheessan ta’uun Saaxilamee jira.
  5. Godina Kibbaa Lixaa Oromiyaa bakkeewwaan Sakkaattaa’insii shirrii kellaawwaan diinaan xaxamaa jiran keessaa kanneen Saaxilaman keessa:
    – Magaalaa walisoo
    -Magaalaa Tafkiii
    -Magaalaa Sabbataa kanneen jedhaman irratti sakkatta’insaa guddaa gochuun Uummata ukkamsuu, hidhuu fi Qabanii deebisuun Sirna kabaja
    ayyaana irreechaa irraa hanqisuuf karoorfachuun saaxilamee jira
  6. Godina Salaalee Irraa uummata Oromoo Ayyaana Irreechaaf bobba’u danquuf Magaalaa Sulultaa irratti kellaa haarawaa banuun Uummata
    Oromoo gara sirna Irreechaatti Aadeemuu danquuf,Ukkamsuu fi hidhuuf karoorfachuun saaxilame jira.
  7. Kaaba Oromiyaa Magaalaa Shanoo fi Sandaafaa irraa kanneen gara Sirna Irreechaatti socho’an Laga Xaafoo Laga Daadhii irratti
    sakkatta’insa ulfaataa gochuun Uukkamsaa,hidhaa fi uummataa Qabanii deebisuuf qophii gochuun saaxilame!!
  8. Magaalaa FinFinnee fi Magaaloota Naannawaa Finfinnee irraa kanneen socho’an immoo Kellaawwaan haarawaa MAGAALAA GALAAN fi DUUKAM irratti Sakkatta’insa gudaa gochuun sirna Ayyaana irreechaa irraa Uummata gooluuf qophii ta’uun saaxilamera!!
  9. Uummata Oromoo Bahaa Oromiyaa irraa gara aayyaana irreechatti Socho’an MAGAALAA ZIWAAY fi MAGAALAA ADAAMAA irratti sakkatta’insa guddaa gochuun Uummata gara Irreechaatti Socho’uu ukkaamsuu, hidhuu fi Burjaajeessuun gara qe’ee isaatti deebisuuf shira ulfaataa uummata keenya irraatti dalagamaa jiruu ta’uu madden Qeerroo bilisummaa Oromoo Saaxilan.Qeerroon Bilisummaa Oromoo Shira ulfaataa Uummatni Oromoo waaqa isaa Uumee kadhatee AADAA,DUUDHAA, SEENAA , AFAA, EENYUMMAA fi Oromummaa isaa illee akka hin jabeeffanneef DUULA DIINUMMAA FI SHIRA SANYUMMAAN QOPHAA’AA JIRU IRRA AANUUF GAMTAAN WALQABATEE Gara Irreecha Hora Arsadee bara kanatti akka socho’uu fi Shira Diina dura gamtaan akka dhaabbatnu jechuun Uummata Oromoo hundaaf Dhaamsa dabarsee jira!!

No comments:

Post a Comment