Friday, October 23, 2015

Bulchiinsi Magaalaa Naqamtee Maqaa Eyyama Daldalaa Hin Qabdan Jedhuun Manneen 150 Ol Seeraa Ala Cufee Uummata Rakkisaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Onkoloolessa 23,2015 Naqamte
IMG_20151022_130910Oromoon Eyyamaa fi pilaanii qidaawaa magaalaa hin qabdan jechuun uummatarratti mana diiguufi aantummaan uummataa mootummaa itti hin dhaga’amne ta’uu isheetiin tuffiifi qabsoo hadheeffannoo hawaasiifi maqaa leenjii barattootaa jedhuun wayita sababaa barattootaan hojjettoota walitti qabanitti mormii mootummaa Wayyaanee  mudateen dabballoonni Wayyaanee OPDON uummata magaalaa manneen tarsiimoo fi pilaana hin qabdan jechuun mancaasuu itti fufan.
Onkoloolessa 22,2015 magaalaa Naqamtee keessaa manneen dhibba tokkoo fi shantamaa ol ta’an ganda 07 fi 03 keessaa qofa cufamanii akka hojii dhaaban taasisamaniiruManneen dukkaanaa,manneen rifeensaa,manneen bunaa manneen nyaataa manneen cuunfaa fi manneen raabsaa dhugaatii kaaffeewwaniifi hoteelonni utuu hin hafin maqaa”eyyama Daldalaa hin haaromsine ykn eyyamichi hin sirranne,kana maleellee abbaa feshaniin ati jiraataa magaalaa kanaa ta’uun keeyyuu hin beekamu” jechaa uummaticha gooluun mana isaanii irratti SAAMSAMEERA jedhanii irratti barreessanii maxxansuun cufaa oolanii jiru.
Ergamtoonni mootummaa kana godhan kun xiyyeeffatanii kana kan godhaniif mootummaan IHIADEG filannoo darbee taayitaas walii laatee waan mormiin uummataas irraa laaffateef ammaan booda warreen isaaf miseensummaa didaniifi wayita filmaataa isa hin filatin hafaniifis maqaa eyyama gahaa hin qabdan jedhuun mana irratti cufuun tooftaa ishee addaati jedhu keessa beektonni Jiraattonni dubbifne maaliif eyyama baafachuu dhabdan jenneen yeroo dubbatan “yeroo biiroo isaanii dhaqnu qaama garagaraatti nu’ergu eyyamicha baafachuuf matta’aa kanfallu gaafatamna yoo isa hin kaffalle immoo gatii galii guyyaa nurratti baa’isuun qaraxa guddaa kisaaraasaa keessaa hinbaane waan gaafatamnuuf haalli waajjira dhimma galiif gibiraa ykn faayinaansii yaaddessaa waan nutti ta’eefi gama biraanis warrumti dhaqanii eyyama gaafatan kan dhorkatamaniif matta’aa akka laataniif eyyami isaaniif hin laatamne” jedhu.
Namooti adda durummaan uummata keenya karaa matta’aan hiyyoomsuu fi diinagdeedhaan uummata keenya kuffisuuf magaalaa Naqamtee bara dhufee darbu saamanii TPLF saamsisan
1 Tolasaa Waggaarii
2 Raqiiq Akiliiluu
3 Tasfaayee Wandaafiraash
4 Asaffaa Baqqalee
5 Roomaan Tasfaayee
6 Eelsaa Barhee
7 Immiruu
Namoota jedhaman yeroo ta’u namoota kana uummati Oromoo ija qalbii qaduun akka ilaalamuu qaban hubachiifna

No comments:

Post a Comment