Hora
Onkolooleessa 4,2015 Ayyaanni Irreechaa Bara 2015 Hora Arsadeetti Uummataa Oromoo Miliyoona guddaan kan irratti argamuun kan kabajamee fi Addaatti Uummatni Oromoo Sagalee diddaa guddaa Sirna Abbaa Irree Wayyaaneef qabu dhageesisuun Dirree qabsoo bilisummaa fakkeessuun ABO FI QABSOO BILISUMMAA OROMOO Leellifachuun kabajatan!!
Uummatni Oromoo ulee garbummaaf harka hin kennine Ayyaana Irreechaa kana irratti Miliyoonota hedduun walitti dhufuun Wayita Ayyaana Irreechaa kabajachuuf socho’anitti Shirrii ulfaataan aayyanaa Irreechaa ugguruuf mootummaan Wayyaanee dalaguus tokkummaa fi gootummaan dura dhaabbachuun akeekaa fi kaayyoo mootummaan wayyaanee cabsuun Ayyaanni irreechaa dirree qabsoo fakkachuun kan durii irraa bifa qindaa’ee fi tokkummaa fi jaalala guddaa qabuu fi mormii sirna abbaa irree wayyaaneef qaban ifatti calaqisiisuun uummatni Oromoo Ayyaana Irreechaa Kabajachuu danda’ee jira. Labsiin Caffeen mootummaa OPDO fi Wayyaanee waliin ta’uun ‘’ Maqaa Master planii Finfinnee fi Magaalotaa oromiyaa irratti raggaasifamee uummata oromoo miliyoona guddaa guyyaa kana Ayyaana irreecha irratti argamaniin ifatti balaaleffatamuu eegalee jira, uummatni keenyaa Qabsoo hadhawaa gochuun labsii kana fashaleessuun mirga isaa kabachiifachuuf murtii dabarfate jira.
Ayyaanni irreecha baranaa kan hawwannaa fi simannaa uummata Oromoo hundaa argate kun Seenaa Oromoo keessatti isa jalqabaa fi isa qaroomina Aadunyaa keessatti bakka guddaatti galmeeffamuu qabu ta’uu uummatichi miliyoonaa hedduun ba’ee kabajatee sagalee isaan
mirkaneessuu irra darbee Uummata bilisummaa dhabee bilisummaa barbaaduu fi uummata yoom iyyuu abbootii irreef harka hin kenninee, Uummata dhaaba isaa tokkicha ABO waliin qabsoo bilisummaatti jiruu ta’uu ifaan ifatti bakka aangawootni fi loltootni mootummaa abbaa irree wayyaanee jiranitti ifatti ABO waliin jiraachuu fi uummataa qabsootti jiruu, uummata mootummaa mataa isaa barbaaduu fi uummataa sirna bittaaf harka kennaa hin jirre ta’uu mirkaneesse jira.
Ayyaa Irreecha guyyaa kaleessaa hora Arsadeetti kanbajame kana irratti uummatni Oromoo gamtaan gootummaa guddaa Argisiisuun shira guddaa mootummaan abbaa irree qopheesse tokkummaa uummata keenyaa fi Qindoomina Qeerroo Bilisummaa Oromoon fashalaa’uu danda’ee jira. Uummatni Oromoo Murtii diinummaa fi abbaa Irrummaa Caffeen Oromiyaa dhimma Master Plaanii Finfinnee fi Magaaloota addaa Oromiyaa raggaasisen wal qabatee arii fi dheekkamsa guddaan keessi isaa kan guggubate walitti dhufuun Oromummaa,eenyummaa, sabboonummaa cimsachuun Qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn durfamuuf jaalalaa fi kabajaa guddaa qaban ifatti muldhifachuun ABO, WBO fi Qeerroo bilisummaa Oromoo faarfachaa kan Oolan yoo ta’uun ibsame jira.
Addatti dargaggootni Qeerroon barattootni Oromoo fi sabboontootni fi Qabsaa’otni Oromoo walitti dhufuun dhimmoota Labsii murtii duuguuginsa Sanyii Caffeen Oromiyaa Uummata Oromoo irratti dabarsee irratti marii adda adda waliif gochuun Adeemsi diinaa kun qabsoo bilisummaa Oromoo kan finiinsuu malee duubatti kan hin deebifne ta’uu waliif dhaamuun sagalee Guddaan dhaadannoo Labsii Master Planii Finfinnee balaaleffatuu fi mootummaa abbaa irree garboomsaa wayyaanee balaaleffatu dhageessisan. Walleelee Warraaqsaan ABO, WOB faarsuun qabsoo bilisummaa Oromoo galiin ga’uuf Adda Bilisummaa Oromoo jalatti hiriiruu fi jabeessuun, waraana Bilisummaa Oromoo jabeessuu ijaaruu, fi jalatti ijaaramuun dhimma murteessaa ta’uu jala muruun diinaafis ta’ee firaaf walleelee warraaqsaa fi dhaadannoolee garaagaraan ibsatan. Guutummaan Gabaasaa kanaa waraabbii vedio,audio, fi Suuraan Deeggaramee waan jiruuf itti Fufinsaan torbee tokko guutuu itti fufa…….