Friday, October 2, 2015

Mootummaan Wayyaanee Yuuniversitii Jimmaa Keessatti Leenjii Siyaasaa Barattootaa Jechuun Guyyoota Afuriif Karoorfate Ture Diddaa Gootota Barattoota Oromoon Har’a Irree Eegalee Fashaluu Qeerroon Gabaase.

Onkololeessa 1,2015 Jimmaa
DiddaaMootummaan Wayyaanee maqaa walga’ii Leenjii Barattoota jechuun Yuunibarsiitii Jimmaatti  eegalee guyyoota afuriif  goototni barattootni Oromoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi mormii master Planii Finfinneetiin hudhanii waan qabaniif har’a irraa eegaluun  fashaalee jiraachuu Qeerroon gabaase.
Onkololeessaa 01/2015 Goototni Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa guyyaa har’aa barruulee warraaqsaa gaaffii mirga abbaa fi mormii master planii Finfinnee qabu facaasuun  leenjii walga’ii Wayyaanee guyyoota afuriif mormii guddaa barattootni godhan cabsuuf  akkataa department barattootaatiin bakkoota 22 olitti qooduun teesisuuf yaaliin wayyaaneen goote milkii malee kan fashalaa’ee fi  mootummaan Wayyaanee yaaddoo keessa seenuun  waan qabee gadhiisuu dhabuun FDG narratti ka’aa jira jechuun walga’iin leenjii barattoota kun guyyaa har’aa irraa eegaluun akka dhaabbatu godhee jira. Yaaliin Mootummaan Wayyaanee walga’ii barattootaa Yuunivarsiitii Jimmaa teesisuun olola siyaasaa afaan faajjii isaan barattoota burjaajessuuf godhee bu’aa tokko malee dura dhaabbannaa qeerroon barattootni Oromoo godhaniin  guyyaa har’aa fashalaa’uun dhaabbatee jira. Mootummaan Wayyaanee Abbaa irree yakka duguuginsa sanyii ilmaan Oromoo irratti rawwachaa jiruu soda guddaa barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa irraa waan qabuuf  walga’iin Leenjii Wayyaanee kun bu’aa tokko malee gaaffii ka’eefis deebii tokko utuu hin kenniin fashalaa’ee jira.
Gaaffiiwwaan gootota barattoota oromoo Yuunivarsiitii Jimmaan dabballoota Wayyaanee irratti finiinfaman keessa:
  1. Walga’iin kamuu Oromiyaa keessatti Afaan Oromoon kan gaggeeffamuu yoo ta’ee malee hin dhaggeeffannu!!
  2. Labsii fi karoorri duula duguuginsa sanyii uummata Oromoo irratti baroota dheeraa dalagamaa ture bara darbe 2014 ifatti as ba’ee maqaa ‘’Master Plan Finfinnee’’ kan jedhu kun akeekaa diinaa fi Oromoo fi Oromiyaa balleessuu waan ta’eef atattamaan akka uummata keenya irraa dhaabbatu gaafanna!!
  3. Gaaffii mirga Abbaa biyyummaa isin gaafachaa turreef dursa deebiin sirnaa fi seeraa qabeessii yoo nuuf kenname malee walga’ii keessaan hin fudhannu jechuun dura dhaabbatan.
  4. Barattootni, dargaggootni fi Waliigalatti uummatni Oromoo gaaffii mirgaa Finfinnee fi Master Plan Finfinnee mormuun karaa nagaa gaaffii waan dhiyeeffanneef rasaasan reebamne ajjefamnef mootummaan kun seeraatti nuuf dhiyaachuu qaba, Uummata keenyaa ajjeefamaniif ifatti gumaan kanfalamuu qaba, kanneen hidhaman gaaffii tokko malee hiikamuu qabu!!
  5. Gaaffiin mirga abbaa biyyummaa, kabajamuun mirga namummaa fi mirga dimookiraasii uummata keenyaaf haa kabajamuu!!
  6. nuti uummatni oromoo mootummaa mataa keenyaa nu bulchaa jiru hin qabnu!!
  7. OPDO’n dhaaba uummata oromoo bakka bu’uu hin dandeenye dhaaba maseeneedha,mirga uummata oromoo sarbisiisuu malee kabachiisuuf aangoo hin qabu!!
  8. Sobdanii ABO hin abaariina, ABO carraa biyya bulchuu argatee qabeenyaa Oromoo saamsiseeraa? Oromoo hidheeraa? Barattoota Oromoo itti dhukaasuun kan ajjeesaa jiruu loltuu mootummaa TPLF mitii?ABO sobaan arrabsuu fi jibbuun akka Uummatni Oromoo jaalatuu fi abdatu godha malee hin miidhu,  ABO’irree ,abdii fi gaachana uummata Oromooti!! Kana beeka.
  9. Yeroo mootummaa ce’umsaa 1991 illee ABO murtiin aangoo harka uummataa waan jiruuf filannootti seenee sagalee uummataan mirgi uummataa kabajamee mootummaa ijaarranna jedhe malee maal balleesse?? Shira xaxuun dhiibee ABOn biyya akka ba’uu kan godhee wayyaanee mitiree? Dhugaa dubbadhaa jechuun dabballee wayyaanee ABO arrabsuu fi maqaa balleessuuf karoorfatte afaan qabachiisan.
  10.  nuti uummatni Oromoo akka bay’ina keenyaa fi qabeenyaa keenyaa fi baldhina lafa keenyaatti
  11. qooddannaa aangoo siyaasaa hin qabnu!!
  12. humna raayyaa itti biyyatti keessatti aangoo hoggansa hin qabnu!
  13. qoodannaa dinagdee hin qabnu!, balaa beelaaf saaxilamneerra!!
4   Waliigalatti walga’iin leenjii barattootaa fi barsiisota jechuun oftan kun mootummaa uummata Oromoo bakka hin buuneen waan qophaa’ee fi gaggeeffamaa jiruuf qabsoo Oromoon mirga isaa kabachiisuuf godhu danquuf kan qophaa’ee malee uummata Oromoo fayyaduu fi biyyaa guddisuuf kan qophaa’ee waan hin taaneef hatattamaan nurraa dhaabbachuu qaba jechuun guyyoota 4f itti fufinsaan haala wal fakkaatuun barattootni oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa department garaagaraatti qooduun bakka 22 olitti hirtee wayyaaneen tessisuuf yaaltullee guyyaa hardhaa gaaffii barattoota irraa itti dhukaafamaa jiru jala dhaabbachuu dadhabuun guutummatti dhaabbatee, fashalaa’ee jiraachuu madden Qeerroo Bilisummaa Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa gabaasan.

No comments:

Post a Comment