Thursday, October 8, 2015

Irreecha Hora Arsadee 2015 Irratti Qeerroon Bilisummaa Oromoo Mirga Abbaa Biyyummaa Oromoof Daran Qabsaawuuf Waadaa(Irbuu) Qabsoo Walii Haaromsan.

Ayyaana Irreechaa Onkololeessa 4/2015 Hora Arsadee Magaalaa Bishooftuutti kabajame irratti Qeerroon Bilisummaa Oromoo fi uummatni Oromoo walta’uun shira ulfaata ‘Maqaa Master Plan Finfinnee fi Magaaloota Oromiyaa irratti Wayyaaneen qopheessitee ‘Caffeen Mootummaa naannoo Oromiyaa jedhamu fi OPDO’n mirkaneessuun Uummata Oromoo irratti seenaa badii balleessii raggasifamee jiru kutannoo fi murannoon kan dura dhabbatan ta’uu ifaan bakka aangawootni mootummaa Wayyaanee fi basaastootni mootummaa abbaa irree jiranitti ifatti murtii qabsoo dabarfate. Magaalaan Bishooftuus guyyaa keessa Sa’aa 7:00 booda dirree Qabsoo bilisummaa Oromoo ABO durfamuun dhuunfatamtee sagaleen Warraaqsaan dhuunfatamtee turte.
Mootummaan Wayyaanees uummata garbummaan garaa gubee keessa isaatti dhiigaa dubbatu dura dhaabbachuu hin dandeenye. Uummatni Oromoos absoo bilisummaa Oromoo ABO ‘n durfamu cina dhaabbachuun mirga isaaf kan falmatu ta’uu diinaafis firaafis mirkaneesse jira.

No comments:

Post a Comment