Wednesday, October 7, 2015

Lubbuun Ummata Oromoo fi Dachiin Oromiyaa, Walabummaa Oromiyaa Qofaan Tikfamti.

Leelloo Biyyaa Irraa
barruuOromoota wayyaba, biyyaa Oromiyaa fi ummata Oromoof: gaddan , hinaafan fi rakkoo hamaan ummatni Oromoo keessa jiru irriba  dhorku biratti, hara’aan tana, bu’ura siyaasaa guddaa ta’anii kanneen argaman keessaa tokko waa’ee ‘Master Plan’ mootummaan Impaayera Ixoophiyaa hojii irra oolchuufi deemuu ti.
Mootummaan gabroomfataa impaayera Ixoophiyaa, Oromiyaa nagaa dhowwaa jiru kun,kan  ‘Master plan’ jedhuunii fi kan ummatni Oromoo ammoo ‘Master killer of Oromoo and  Oromia’ ittiin jedhu, karoora: jireenya, eenyummaa, biyya Oromiyaa, abdii fi fuulduree Oromoo dhabamsiisuu irratti qiyyafate yeroo ta’u, mootii Impaayera Ixoophiyaa kan har’aan tana afaan qawweetiin ummata Oromoo ukkaamsee  saamaa fi ajjeessaa jiru qofaan kan jalqabe osoo hin taane wal-irraa fuudhuun ykn wal-irraa dhaaluudhaan yakka moototi Ixoophiyaa Oromoo fi Oromiyaa irratti raawwataa turanii fi ammaan tana illee itti fufee  irratti raawwataa jiruu dha.
Biyya Oromiyaa, afaan qawweetiin weeraranii, Oromoo irraa buqqisuudhaan ummata Ixoophiyaa irra qubsiisuun qabeenyaa dachii kana irratti argamu saamuu, Oromoo dachii isaa irraa buqqisan ammo hojjisiifatuu fi gabaatti baasanii gurguratuun  qawwee bitatuuf karoorfatee kan jalqaba Oromoo fi Oromiya irratti weerara bane mootummaa Aksum kan Tigraay irratti jalqaba bar-kumee ijaarame dha.Mootummaan Aksum, ummata Kibba Yamanii irraa godaanee Galaana Diimaa cehuun qarqara Galaana kanaa jalqaba bar-kumee (first millennium)  keessa ijaaramee weerara gabroomsaa gara:Kaabaa (Eritrea), Dhiha (Sudaani) fi Kibbaatti geggeessee ture. Mootummaan Aksum kun, weerara gara Kibbaatti geggeesse keessatti, laga Abbayyaa cehuun Kaaba Shawwaa qabachuuf haa yaalu maleee, duula farra gabrummaa Oromoon Waajjii bara 112 (AD) irratti geggeesseen duulli gabroomsaa mootummaa Aksum osoo bakka hin gahin hafe. Lubbuun ummata Oromoo fi dachiin Oromiyaa (1)

No comments:

Post a Comment