Friday, February 5, 2016

Fincila Diddaa Gabrummaa Irratti Barreeffama Gene Sharp: ” Abbaa Irrummaa Irraa…”

Kutaa – 5ffaa
Boqonnaa 5ffaa – Aangootti Dhimma Bahuu
Boqonnaa 1ffaa keessatti Abbaa Irruummaa karaa waraanaan qabsoo irratti godhuuf bakka laafina isaa osoo hin taane bakka jabina isaa rukutuu dha jennee turre. Mormitooti haala meeshaan lolaa, dhiheessiin rasaasaa fi gara biraa hir’uu tahe keessatti Abbaan irree karaa waraanan dura dhaabbachuu filachuun aanjaa isaaniif hin qabaatu. Abbaan irree karaa humna waraanaa olaantummaa qaba. Humna alagaa irratti abdachuunis akka hin baafne ifaa dha. Boqonnaa lammaffaa keessatti Abbaa irree buqqisuuf walhaasa’uu irratti abdachuun maal akka of keessaa qabu dubbannee jirra.
Erga akkas tahee dadhabiinsa Abbaan irree saaxilee, dimokraatootaaf haala aanjaa malli uumu maaltu jira? Aangoo siyaasaa boqonnaa sadii keessatti dubbatame irratti hundaa’uun tooftaa akkamii hordofama? Filmaatni gara biraan diddaa siyaasaa ti.
Diddaan siyaasaa amaloota armaan gadii qaba.
•  Abbaan irree loluu dhaaf tooftaa Abbaan irree filatu kan itti bahi isaa isaaf madaalu hin fudhatu
•  Mootummaadhaaf diddaa siyaasaa ukkamsuun rakkisa dha
•  Diddaan siyaasaa dadhabiinsa Abbaa irree hammeessee, humna isaa jalaa cira.
•  Tarkaanfiin naannoo bal’aa irratti fudhamu illee akeeki isaa ifaa dha.
•  Akka Abbaan irree murtii fi tarkaanfii dogoggoraa fudhatu taasisa.
•  Hawaasa guutummaatti, gartuulee fi dhaabbilee hawaasaa qabsoof sochoosee bulchiinsa jibbisiisaa Abbaa irree buqqisa.
•  Aangoo harka hawaasaatti galchee sirni dimokraasii akka gad dhaabbatu godha.
5.1 Qabsoon Karaa Nagaa Maal Akka Dalagu
Diddaan siyaasaa akkuma humna waraanaa dhimma adda addaatiif ooluu danda’a: humni ittin morman dhiibbaan itti jabaatee akka tarkaanfi gara biraa fudhatu godhuuf, mormii karaa nagaa furuuf haala aanjeessuuf, ykn mootummaan ittin morman diiguuf ni taha. Diddaan siyaasaa qabsoo humnaan godhamu irraa karaa baayyee adda taheen gaggeeffama. Diddaan siyaasaa fi qabsoo humna maluma qabsoo ittin godhanii dha. Haata’u malee mala addaatti dhimma bahu fi itti baha addaa argamsiisu. Mormii furuuf qabsoon hidhannon godhamu meeshaa lolaatti dhimma waan bahuuf lubbuun ni bada, qaamni ni hir’ata, qabeenyaan ni barbadaawa.
Qabsoon karaa nagaa gaggeeffamu wal xaxaa fi qabsoo humnaan godhamu irraa mala addaa hordofa. Qabsoon karaa nagaa yeroo godhamu qorqalbii ummataa, hawaasaa fi dinagdee irratti qiyaafata. Siyaasaa meeshaa godhachuun dhaabbilee hawaasaa fi ummata irratti hojjata. Tooftaan qabsoo kun maqootii akka: diduu, hojii dhaabuu, tumsa dhorkachuu, hiriira bahu, ajajamuu diduu, fi humna ummataa jedhamaniin beekamu. Akkuma amma dura jedhametti mootummaan kam iyyuu kan biyya bulchuu danda’u yoo ummata biraa tumsa qabaate, yoo ummatni ajajameef duwwaa dha. Qabsoo hidhanoo irraa addatti diddaan siyaasaa akka mootummaan jarreen kana dhabee agabu godha.
5.2  Naamusaa fi Meeshaa Qabsoo Karaa Nagaa
Diddaa siyaasaa amma dura deemsifan irraa dogoggorri mul’ate tooftaa tokko ykn lama (hojii dhaabuu fi hiriira nagaa) duwwaatti dhimma bahuu dha. Diddaa sana waalteessu ykn wiirtuu hedduu irraa deemsisuu kan dandeessisan tooftaalee hedduutu jiran.
Haga ammaatti tooftaalee diddaa karaa nagaa gara dhibba lamaa bira gahamanii jiru. Isaan malee gara biraanis ni jiru. Tooftaaleen kun gareelee sadii jalatti qoodamuu danda’u. Isaanis: 1) mormuu fi amansiifachuu, 2) tumsa dhorkachuu fi 3) itti seenanii irraa hirmachuu tahu. Tooftaan karaa nagaa mormuu fi amansiisuu kan godhamu hiriira bahuu, waltajjii qabatanii taa’uu, baayyinaan bahanii karaa cufuu dha. Kun tooftaa 54 qaba. Tumsa dhorkachuun amma illee damee gad jalee saditti qoodama. Isaanis: a) karaa hawaasummaa tumsa dhorkachuu (tooftaa 16), b) karaa dinagdee tumsa dhorkachuu (tooftaa26), fi hojii dhaabu (tooftaa 23), c) karaa siyaasaa tumsa dhorkachuu (tooftaa 38). Tooftaan itti seenanii irraa hirmaachuu kun kan qaamaan keessaa hirmaatan kan akka nyaata lagachuu, waajjira qabatani taa’uu, fi caasaa mootummaa cinaatti mootummaa dirirfachuu dha. Inni mootummaa tolfachuu kun tarkaanfii isa dhumaa ti. Barreeffama kana gara dhumaatti tooftaaleen 198 maxxananii jiru.
Tooftaalee kana keessaa irra guddaan yoo of eeggannoon filaman, itti fufiinsaa fi bal’inaan, mala bilchaataan, namoota oggumaa qabaniin hojii irra oolan mootummoota seeraan hin deggeramnetti rakkoo guddaa uumuu danda’u. Kun Abbaan irree gosa kamii irratti ni hojjata.
Akka qabsoo hidhannoo osoo hin taane tooftaan qabsoo karaa nagaa godhuu dhimma baayyee barbaachisaa tahe irratti xiyyeeffachuu danda’a. Fakkeenyaf, Abbaan irree buqqisuun hundeen siyaasa waan taheef, karaa nagaa qabsoo siyaasaa gaggeessuun baayyee murteessaa taha. Kunis Abbaa irree beekuu fi tumsa kennuufii diduu taha. Tumsa kennuu diduun imaammata addaa irratti tahuu danda’a. Osoo of irratti hin beeksifne dhibaa’uu fi hojii hudhuu dhaan dadhabsiisuu, yeroo garii ammoo ifatti ajajamuu diduu fi hiriira bahuun diddaa agarsiisuu maloota dhimma itti bahamanii dha.
Qaamni dadhabiinsa Abbaan irree yoo dinagdee tahe, dinagdeen irratti ummatni gungummii qaba yoo tahe, hojii dhaabuu fi dhibaa’uun tooftaa mijjataa diddaa karaa nagaa taha. Fedhii saamicha dinagdee Abbaan irree qabu dura dhaabbachuuf hojii dhaabuu, hojii dadhabsiisuu, ogeessoti hojii irraa baduu faatti dhimma bahuutu danda’ama. Fincilli hojii diduu gosa adda addaa warshaa, geejjiba fi dhiheessii irratti dhimma bahuun barbaachisaa dha.
Qabsoo karaa nagaa godhamu keessaa malli tokko hojjataan waajjira seenee garuu hojii lafa irra harkisu, dhibaa’uu, shaffisaa fi mirqaanaan hojjachuu dhabu faa dha. Hojii irratti dogoggorri beekaa dalagama. Na dhukkuba jechuun hoji dhiisuu ykn ammoo beekaa dadhabsiisuun ni jiraata. Yokaan ammoo tasuma hojjachuu dida. Namni garii diddaa agarsiisuuf bakka waaqeffannaa dhaqa. Ijoolleetu nu duraa rukutama olola jedhu sababfachuun akka ijoolleen mana barnootaa hin dhaqne godhame manatti barsiisama. Waldaalee ykn jaarmayaa kan yeroo nagaa miseensa itti tahamu, amma diddaa agarsiisuuf miseensa tahuun didama. Jireenya normal tahe akkasii jiraachaa garuu keessatti diddaalee armaan olii agarsiisuun qabsoo bilisummaatif hedduu gumaacha.
Qabsoo karaa nagaa godhamuu fi qabsoon hidhannoo dhaan gaggeeffamu baayyee wal irraa adda. Kana waan taheef, yeroo qabsoo karaa nagaa gaggeessan humnaatti dhimma bahuu irraa of qusachuu feesisa. Abbaan irree karaa humnaa olaantummaa qaba waan taheef yoo tarkaanfii humnaa fudhatan isaaf irra mijjata. Miidhaan Abbaa Irruummaa geessisu gara qabsoo hidhannotti nama harkisu illee qabsoon karaa nagaa gaggeeffamu injifachuuf naamusa cimaa hordofuu feesisa.
Humna Abbaan irree dhimma itti bahu dura dhaabbatanii qabsoo karaa nagaa naamusa cimaan geessuuf waan afur armaa gaditti ibsamu hordofuu feesisa. Qabsoo siyaasaa karaa nagaa godhamu keessatti naamusa jabaa hordofuun baayyee barbaachisaa dha. Ummata harka duwwaa qabso karaa nagaa godhu irratti tarkaanfiin Abbaan irree fudhatu deggersa isa dhabsiisee, gartuu isaa keessaa illee kannen mormitoota deggaran ni mul’atu, warri mormii godhu ammoo deggersa guddaa ummata irraa argataa deema.
Yeroo tokko tokko tarkaanfii humnaa Abbaan irree irratti fudhachuun ni barbaachisa taha. Jibbaa fi abdii kutannaan mormiitooti akka gara tarkaanfi humnaatti cehan ni godha. Yokaan ammoo gartuun tokko tokko osoo bu’aa qabsoo karaa nagaa gaggeessuu beekani, qabsoo humnaan godhan dhiisuu didu. Yeroo akkas tahu, diddaan siyaasaa jalqabame dhiifamu hin qabu. Garuu haga danda’ametti, tarkaanfilee karaa nagaa fi humnaa fudhataman adda baasuun baayyisee barbaachisaa dha. Kana adda baasuuf teessuma lafaa, gartu ummataa, yeroo fi dhimma irratti hunda’uutu danda’ama. Yoo kun hin taane diddaan siyaasaa karaa nagaa godhamu akka hin milkoofne godhuu danda’a.
Diddaa siyaasaa yeroo gaggeessan madaawu, fi du’uun akka jiraatu beekamaa dha. Haata’u malee qabsoo hidhanoon godhamu irra ni xiqqaata. Qabsoon karaa nagaa godhamu marsaa dhuma hin qabne ajjeesuu fi gara jabeenyaatti hin gumaachu.
Qabsoon karaa nagaa godhamu sodaa of irraa dhabamsiisuu gaafata. Deemsa keessas sodaa ummatni mootummaa irraa qabu dhabamsiisa. Sodaa kana jalaa bilisa bahuun hundee aangoo Abbaa irree cira. Abbaan irre ummata irratti aangoo qabu dhabamsiisa.
Itti fufaa…
Kutoota darban:

  1. Barreeffama Gene Sharp: ‘Abbaa Irrummaa Irraa Gama Dimokraasii’ – Kutaa 1ffaa
  2. Barreeffama Gene Sharp: ‘Abbaa Irrummaa Irraa Gama Dimokraasii’ – Kutaa 2ffaa
  3. FDG Irratti Barreeffama Gene Sharp: ‘Abbaa Irrummaa Irraa Gama Dimokraasii’ – Kutaa 3ffaa
  4. Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) Irratti Barreeffama Gene Sharp: ‘Abbaa Irrumaa Irraa …’ – Kutaa 4ffaa

No comments:

Post a Comment