Tuesday, February 23, 2016

Harargee A/Baddaannoo Ganda 42 Keessatti Alaabaan ABO Fannifamee Sirnaan Torban Lakkaawa Jira, FXG Lixa Oromiyaatti Itti Fufe‏

Gurraandhala 22,2016 Harargee aanaa Baaddanno ganda 42 keessatti Alaabaan ABO torban tokkoo oliif dhaabbilee barnootaa, waajjiraalee fi maaglota keessatti fannifamee jira. Gandoota kanneen keessaa gandi 16 tahu bulchiinsa wayyaanee jalaa of baasee jira. Kana booda mootumman wayyaanee uummata oromoo waliin jiraatuun soba tahuun yeroo ammaa ifaa ifatti hubatamee kanneen diina jala kaachuudhaan ilmaan oromoo miidhaa bahan gara itti goran dhabanii jiru.
Lixa oromiyaa wallagga bahaatti magaala Naqamtee mana barumsaa keesoo jedhamutti alaabaa federaalaa bbu’ee gubame alaaba keenya bakka bu’e fannifamee jira. Mana barumsaa Dargeettis alaabaan keenya fannifamee jira.
Bulchaa godina wallagga bahaa lubbuudhaan bahee jira. Manni jireenya isaa Qeerroodhaan burkutaa’ee jira. Waajjirri Gooxii garagaraa daaraa tahaa jira. Wayita kanatti FXG guddaatu gaggeeffamaa jira. Dhukaasni uummata nagaa irratti dhukaafamaa jira jedha Qeerroon.
Guyya lama dura Wallagga lixaa aanaa Warra Jirruu ganda Samboo Sadan jedhamutti dargaggoo Hordofaa Gammachuu jedhamu loltooti Wayyaanee rasaasaan rukuttee ajjeesuun ni yaadatama. Haaluma kanaan uummanni gara tarkaanfii fudhachuutti seenuun
– Kaabinoota wayyaanee magaalota keessaa manaa fi qabeenya isaanii gubuun ariyaa jiru
– Qabeenya Allaamuddiin yeroo dhagaa ijaarsaaf tolu san achirraa fe’uuf dhufutti konkolaataan isaa hojiin ala tahee jira. Uummanni yaa’ee
qabeenya isaa irrattis tarkaanfii deebii hin qabne fudhataa jira.
Wallaggaan Qelleem yeroo ammaa kanas itti fufee kan jiru FXG isaa humni waraanaa naanoo Gambeelaa irraa fe’amee dhufe magaala naannoo Dambi Doolloo fi Anfilloo buufatee jiraatuun Qeerroon gabaasee jira. FXG garuu itti fufeedhuma jira.

No comments:

Post a Comment