diddaa9Guraandhala 15,2016 Godinaalee Oromiyaa Garaagaraa Keessatti Maqaa Walga’ii Barsiisotaa Jedhuun Daballootni Ergamtuu Mootummaa Wayyaanee EPRDF/TPLF Kan Taate OPDO’n Warraaqsaa FXG Dura Dhaabbachuuf Gaggeessitee Mormii Guddaan Xummurame.
Walga’iin Wayyaanee kun Sabaabaa Warraaqsaa Biyyoolessaa oromiyaan Barnootni semisteera tokkoffaa Ugguramuun walqabatee Ammas Mormiin Guddaan kan Wayyaaneetti Xumura godhee darbuu danda’uu finiinaa jiraachuu irraa harka tokkoon Waraanaa nannawaa Manneen Barnootya qubsiisaa harka tokkoon immoo sossobbii barsiisotaatti fuulleeffachuun Warrraaqsa dura dhaabbachuun Olola sobaa TVO, ETV FI Medialee of harkaa qabduun olola kijibaa uummatatti afuufuuf jettee maqaa walga’ii barsiisotaa jedhuun barsiisotaa duraan miseensota OPDO turanii fi Dabballoota ergamtuu Wayyaanee kanneen ta’anii Oromiyaa keessa jiran Godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti walitti qabuun kijiba ofaa jiraachuu irraa Mormiin guddaa fi Gaaffiin barsiistaan Waan Deebisaan dhabuun bifa kadhaa fakkeessuun Sossobbii dabballootni Wayyaanee guyyaa lamaaf godhaniin barsiisotni Oromoo nuti isin Waliin hin dubbannuu isin Hirmii uummata oromootii jechuun mormii isaanii hanga dhumaatti callisaan dhageesisuun ergamtoota diinaa qaanessaan. Godinoota Oromiyaa Walga’iin kun irratti Xiyyeeffatee keessaa :
1.Godina Lixa Shaggar Amboo
2.Godina Kibba lixa shaggar Walisoo
3. Godina Wallagga Lixaa Gimbii
4.godina Wallaggaa Bahaa Naqemtee
5. Godina arsii lixaa Shaashaamannee
6.Godina Shawaa kaabaa Shaggar(Salaalee) Fiichee
7. Bulchiinsaa Magaalaa burraayyuu irratti kan xiyyeffachuun ergamtootni diinaa loltootaa fi humnoota tikaan Marfamanii olola afaan fajjii ofuuf kan gaggeessan diddaa barsiisotaan xummurame.
Sochiin Warraaqsaa FXG daran jabaachaa adeemuun Walqabatee Manneen Barnootaa godinoota kanneen keessatti itti Fufinsaan Cumamanii jiraachuun Dhaadannoon Branootni Bilisummaa Booda (BBB) jedhuu Daran jabaatee itti Fufee jira.