Friday, February 12, 2016

Mootummaan Ithiyophiyaa Lixa Shaggar Amboo Baadiyyaa Keessa Gurrandhala 11 Loltoota Konkolaataa 9 Har’a Guraandhala 12,2016 Ammoo Dabalataan Konkolaataa 7 Baadiyaa Qubachiisuun Ummata Hiraarsaa Jira,Maanguddoon Ganna 70s Ukkamfame.

Gurraandhala 12,2016

Amboo irraa :Akkuma beekama ummanni godina lixa Shaggar  aanaa Amboo gandoota baadiyyaa naannoo Waddeessatti FXG Qeerroon Bilisummaa haala si’aawaan adeemsisa turan.Kanuma sababeeffachuudhaan Guyyaa kaleessa,11/02/16 humni waraana Wayyaanee konkolaataa sagaliin halkaan keessa sa’aatii 7 irratti basaastootaa fi jaalleewwan isaanii kan ta’an fknf dura taa’aa ganda dikii kan ta’e Gaddafaa Giddumaa kan jedhamu humna ergamtoota kana deeggaruun mana jireenya qotee bultoota ganda Dikii,galaan waddeessa,kaarraa fi haaruu xiroo keessa jiraatan ukkaamsise qabsiisa bule.kan baay’ee nama gaddisiisuu manguddoo waggaa 70 obbo Sisaay Qaabataa kan jedhaman ganda Galaan Waddeessa keessa qabsiisee isaa buteen isaa hin beekamu.haaluma wal fakkaatuun guyyaa har’aas,12/02/16 humni waraana agaaziin halkaan keessaa sa’aatii 3 irratti konkolaataa 7’n magaala ambooti achi deema jiru.

No comments:

Post a Comment