(4.02.2016, ‪#‎Gujii‬, Oromiyaa) Ummati Oromoo Gujii gootummaa isaaniitiin barattoota saddeet mana hidhaatii baafatan. Ummati gamtaan bahuun pooilisoota aryatee baratoota 8 hidhaa keessaa baasee fudhatee galeera. Diddaa fi mormii seena qabeessa kanaan humna wayyaanee raasaa jiran.
Humni dabalataa Hawaasaa irraa gara sanatti ergamaa jira. Ummati karaa cufee akka of eegagtu dhaamsi darbee jira.
Akkasumas humni warraanaa biraa kaampii 147 naannoo magaalaa Meeggaa Dubluq jirurraa gara Bulee Horaa kaatee jirti waan ta’eef uummati akak of eeggatu dhaamsi darbee jira,
Kana malees, yerooammaa naannoon Daawwaa, Ejersaa Gooroo, Bulchiinsi magaalaa Haya Diimaa fi gandi Booree Obbitti humnaa waraanaatiin dhunfatamtee jirti.