Monday, April 22, 2013

Pirojaktiin Bishaan dhugaatii Arsii Nageellee eebbifame

Finfinnee  Ebla  13  2005 (Oromiyaa) Pirojaktiin Bishaan dhugaatii godina Arsii lixaa  aanaa Arsii Nageelleetti baasii birrii miliyoona 380  caaluun ijaaramaa ture har'a eebbifame.
Piroojaktiin bishaan dhugaatiin kun kan eebbifame qondaaltoota Mootummaa Naannoo Oromiyaafi bakka bu'aa koomishiinii gamtaa Awurooppaatiini.Ooganaan biiroo Bishaan Albuudaafi Iinarjii Oromiyaa siran eebbaarratti haasawa dhageessiisaniin hawaasni piroojaktii Bishaan dhugaatii kun kunuunsuudhaan akka itti fayyadamuuf hubachisaniru.
Pirojaktichi rakkoo bishaan dhugaatii gandoolee gara garaa aanaa Arsii Nageellee keessatti ummata darraraa turetti furmaata waaraa kan argamsiisu akka ta'e sirna eebbaarratti himameera.
Pirojaktii  Bishaanii kanaan  ummata aanichaa kama dhibba tokko caalutu fayyadama jedhameera. (FBC)

No comments:

Post a Comment