Saturday, March 1, 2014

FDG Jimmatti qabsiifame Wayyanee raasuu irraan waraanni moraa barnootaa keessa qubate.

Gabaasa: Guraandhala 28/2014 Yuunivarsiitii Jimmaatti Waraanni Wayyaanee Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa qubate. Goototni baratootni Oromoo sodaa kamuu akka waraana Wayyaneef hin qabne argisiisuun barnoota dhaabuun diddaa jabeessa jiru. kana biraan baratootni Yuunivarsiitii Jimmaa lammiileen cunqurfamoo biyyatii waraana Wayyaanee dammaquun gara-maatiitti baqataa jiru. Qeerroon baratootni Oromoo qawwee fi waraannii umrii abbaa irree dheeressuu hin danda’u, qabsoo diddaa garbummaa bilisummaa uummata Oromoo eenyuu iyyuu duubatti deebiisuu hin danda’u kan jedhu ejjennoo qabaachuu irraan FDG jabinaan itti fufanii akka jiran Qeerroon Yuuniversitii Jimmaa gabaasa.

No comments:

Post a Comment