Saturday, March 8, 2014

Walaloo

Abdii Baalee Irraa
Barreessaa dhugaa baasa!Garaa kee guutuu dhaaf diinatti michoomtee,
Alagaatti galtee,garaa har’aaf jettee,
Namummaa fi lammummaa saba kee dagattee,
Warroonni qomoo koo dararuuf murattee,
Ijji kee hin garree aduu sitti dhiitee,
Garaa alagaadhaaf saba si dagsiiftee,
Kan darbe irraa baruu qalbiin kee dagattee,
Diina waraanuu qabdu fira taasifattee,
Qomoo qoma kankee,waraanuuf kutattee,
Qabsaayaa fi qabsooftuu gufuu itti taatee,
Icciitii saba koo alagaadhaaf laattee,
Of duuba hin ilaallee,diina firoomfattee,
Ajjeechaa qomoo kee,beekumsaa godhattee,
Seenaa dagachuudhaan dhugaa afaan teettee,
Eessa akka jirtuu fi eessaa akka baatee,
Eenyuu irraa akka baatee fi eenyuun akka taatee,
Biddeenni alagaa sunuu eessaa dhuftee,
Tan firaa fi firiyyoo tee si wallaalchistee,
Dhiiga lammii keetii ta’uu maaf dagattee,
Tasallee hin yaadanne,foon kee ofirraa murtee,
Har’uma dammaqii,kaleessi dabartee!!!
Hayyoota qomoo koo,bakkayyuu jabadhaa,
Wallaalaa fi jarjaraa keenya nuu gorfadhaa,
Afaan tokko ta’aa wal moggaa dhaabadhaa,
Alagaa osoo hin taane,ofii wal yaadadhaa,
Diinni yoomuu diinaa,irrumaa fagaadhaa,
Gamtaa tokko ta’aa harka wal qabadhaa,
Abdii hin kutatinaa carraan keenya baldhaa,
Nuti tokko taanaan bilisni dhiyoo dhaa,
Cumaa diina keenyaa,gad naquuf muradhaa,
Bilisummaa keenyaaf alagaa falmadhaa,
Oromiyaa baldhoo,bilisoomsuu fedhaa!!!
Sabaa koo Oromoo mee yaada naaf laadhaa,
Furmaanni BILISUMMAA yoomuu TOKKUMMAA dhaa,
Yoo dogoggorellee dhiifama naaf godhaa,
Na baruu barbaannaan Abdii Baalee Oromiyaa jedhaa,
Hanga yeroo biraatti nagaan naaf jiraadhaa!!!!

No comments:

Post a Comment