Bitootessa 13,2014 Gabaasa Shaakkisoo
Diddaan
uummati Oromoo kaase mootummaa Wayyaanee irratti jabaachuun itti fufee
Godina Gujii aanaa Shaakkisoo Mana barumsaa Shaakkisoo sadarkaa
Lammaffaa fi Qophaa’inaa keessatti Fincilli Uummataa fi Barattootaan
gamtaan eegale mootummaa Wayyaanee rifaatii keessa buuse. Fincilli
diddaa garbummaa Shaakkisoo keessatti gaggeeffamuu irratti argamu
dhaadannoowwanii figaaffiilee mirgaa
1. Mootummaan Wayyaanee saaminsa Warqee fi Albuuda Oromiyaa
hatattamaan haa dhaabu.
2. Barattootni keenya hidhaman ammuma nuuf haa hiikaman
3. Poolisootni Mooraa mana barnootaa qawween tiksuu haa dhaaban
4. Oromiyaan ni bilisoomti dhaadannoo jedhufaa
kan hammate yoommuu tahu mootummaan Wayyaanee diddaa kana
duradhaabbachuuf waraana hedduumminaan bobbaasuun kan barattoota reebsiste yoommuu tahu barattootnis gamtaan Poolisoota gaaffii mirgaa dura dhaabbatan dhagaan tumuun dura dhaabbachuun fincila hammaataa gaggeessaa oolanii jiran. Yeroo ammaa kana
wayyaaneen waraana federaalaa dabalataan galchuun magaala keessatti
Uummata reebaa kan jirtu yoommuu tahu hojiin baruu fi barsiisuus
dhaabbatee jira.Diddaa kana
keessatti barattootni hedduumminaan 30 ol kanneen tahan kan madaa’anii
fi kaan mana hidhaatti kan ukkaamsaman yoo tahu Poolisootni jala
deemtota Wayyaanee hedduunis dhagaan tumamanii jiran.
No comments:
Post a Comment