Monday, March 3, 2014

Wayyaaneen Uummata Oromoo maqaan ABOn hiraarsuu irra darbee keessa Caasaa isaa goolaa jira.

Bitootessa 1,2014 Finfinnee
Yeroo ammaa mootummaan wayyaanee gara itti goru dhabeetu jira gama hunda diddaan kautti waraana isaas ramadee diddaawwan qabatan dhaamsuuf yaalullee hin dandeenye,gara caasaa isaa shakkuutti geessee jira,namoota dur shakkaman hunda walitti qabuudhaan qorannaa irratti gaggeessaa,isaan kaan ammo bakka buuteen isaanii dhabamaatu jira,hojjetotas tae barattoota. Gabaasaa Qeerroo Shawaa Kibba Lixaa magaalaa Wallisoo irraa Bitootessa gaafa 01/2014 addeessuun magaalaa kana keessa kan jiraatan nama lama bakka buuteen isaanii dhabamee jira,akka gabaasaa Qeerrootti maqaa ABOtiin kan yakkamaniidha namootni lamaan kuni jireenyaa magaalama Wallisooti. Kanneen kunis
1. Tafarii Mokonnin-yuuniversitii Finfinnee irraa kan eebbifame garuu hojii dhabee kan jiru;
2. Girmaa Dhugaasaa-yuuniversitii Amboo irraa kan eebbifame yoo tahu namootni kun lamaan siyaasa ABOtiin tikoota wayyaaneen qabamanii ukkaamfamanii jiru,kunis olitti akkuma caqasne gaafa Bitootessa 01/2014 ti. Maatiidhaan akkasuma hiriyoottaniin hanga ammaatti hordofamanii kan dhabaman tahuu isaanii gabaafamee jira. Mootummaan Wayyaanee ammallee saba oromoo keessaa kan sabboonummaa qaban adamsaa jirti,abjuun hiika argachuuf dhiyaateera,diinni ilmaan oromoo hojii hojjetetti yeellauun isaa kan hin oolleedha,ammas jabaatee shira gurguddaa ilmaan oromoo irratti raawwachaa jiraatus kufaatiin isaa kan itti dhiyaate sochii yeroo ammaa gaggeeffamaa jiru,wal nyaatinsii fi walitti buiinsi caasaa isaanii gudduutti taaa jiru kuni mallattoo kufaatii wayyaanee tahuun isaa ibsa, diddaan yeroo ammaa wal qabatee kaaa jiru uummata oromoo fi barattoota oromoo jabeessaa fi onnachiisaa jira,ammallee qabsoonii fi diddaan itti fufa hin dhaabbatu!!!

No comments:

Post a Comment