Saturday, March 29, 2014

TOKKUMMAAN DHAADANNOO FI HAWWIIN HIN DHUGOOMU ! kutaa 1ffaa

Tokkummaa Ilmaan Oromoo bakkayyutti hawwanii fi Tokkummaan addunyaan itti jirtu, hiikkaansaa tokko moo, garaagarummaa qaba laata ? Adeemsa Qabsoo Biyyootaa fi saboota addunyaa keenya irra jiranii, Tokkummaan Qabsoo isaaniif hawwaa turan/jiranii fi nuuti amma bakka marattu akka dhaadannotti itti dhimma ba’aa jirru , tokko moo walii faallaadha ? gaaffii kana kaasuuf kan dirqisiise, Qabsoo Oromoo hudhee kan takaalee jiru, tokkummaa dhabuu keenyadha !! namoonni jedhan heddummaachuu fi hawwii tokkummaaf qaban, bakka hundatti akka dhaadannotti, akka yaadaatti ,akka hawwiitti, wal ga’ii irratti, hiriira irratti, Intarneeta irratti aarii fi gaddaan guutamanii yennaa dubbatanii fi kataban arguu fi dhaga’uu koo irraati. Akka kiyyatti Tokkummaan yaada walii galaa of keessaa qabu Ummata tokkof barbaachisaa ta’us, Qabsoo keenyaaf dhibeen tokkummaa nuuti hawwinu odoo hin taanee, yk Tokkummaa yaada Ilmaan Oromoo keessa jiru odoo hin taane, Tokkummaa yeroo qabsoo nu barbaachisu wallaaluu keenyadhaan jedha. Tokkummaan amma hawwaa jirru, Tokkummaa Bilisummaan booda ittiin jiraannu malee, kan yeroo Qabsoo keenya kanaatti nu barbaachisu miti. Miti kanan jedheef dhugeessuun hedduu ulfaataa ta’uu isaa irraati. Qalbiin haa wal hubannu. Gadi fageessinee haa yaannu. Miira ho’aan odoo hin taanee, miira tasgabbaa’een itti haa yaannu. Kun waan salphaa miti. Waan Ummati tokko irratti wal hubachuu qabudha. Bakka dhibee yk dhibee jiru adda yoo hin baasiin dawaan hin argamu waan ta’eef.
TOKKUMMAAN, HAWWII FI DHAADANNOON HIN DHUGOOMU !!!!!!!!!!.docx

No comments:

Post a Comment