
Diddaan sirna mootummaa Wayyaanee gaafa Bitootessaa 18/2014 godina kibba lixaa Shawaa Aanaa Sadan Sooddootti FDG qabsiifameen ummannii fi loltooti mootummaa Wayyaanee walitti bu’aa jiraachuun beekame.
Goototni baratootni Oromoo M/B Harbuu Culullee sadarkaa 2ffaa fi qopha’ina gochaa abbaa irrummaa sirna bulchiinsa EPRDF Wayyaanee yeroo irraa gara yerootti gaafa baasee ilmaan Oromoo barnoota irraa arii’atu, balleessa malee qabee mana hidhatti darbatuu fi mirgaa uummata Oromoo ukkamsee jiraachuu barbaadu balaaleffachuun hiriira mormii mootummaa Wayyaanee irratti gaggeessan.
Sababi guddaan hiriira mormii kana
kaases mootummaan abbaa irree Wayyaanee fi ergamtuun Wayyaanee OPDO’n
barataa sabboonaa Oromoo Barataa Gabbisaa Tammiruu barataa kutaa 12ffaa
kan baratuun ati kayyoo ABO tu si keessa jira kayyoo diinaa baattee
barachuu hin dandeessu jechuun M/B irra arii’atamuun FDG kana qabsiisee
jiraachuun beekame.Gootootni baratootni Oromoo M/B Harbuu Culullee gochaa diinummaa Wayyaanee balaaleffaachuun hanga barataan Oromoo balleessaa malee arii’amee kun barnootatti deebi’utti barnoota hin barannu jechuun hiriira mormii gochaa diinummaa sirna Wayyaanee balaaleffachuun gaggeessuun, dhaadannoo ilmaan Oromoo hidhuun, ajjeesuun, barnoota irraa arii’achuun nurraa dhaabbachuu qaba jedhuufi kannee mirgii dhala namaa fi dimookiraasii kabajamuu qaba jedhu dhageesisuun hiriirichaa magaalaa Harbuu Culullee keessa nanna’uun sagalee isanii dhageesifata.
Sabaaba kanaan walqabatee M/b Harbuu Culullee Sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina keessatti sirni baruuf barsiisuu dhaabbatee jiraachuun
gabaafamera. Mootummaan abbaa irree Wayyaanee sochii kanatti haalan rifachuun soochii warraaqsaa FDG baratootaa kana
duuban keessa jirtu jechuun barsiisota mana barumsicha qorannoo fi doorsiisan dararamaa jiraachuu maddeen keenya kibba lixa
shawaa irraa gabaasa jiru, sochii FDG kanas ukkaamsuuf humna waraanaa
fi poolisaa guddaa magalittii irra qubsiisuun jiruuf jireenya uummataa
hunkuraa jira.
No comments:
Post a Comment