Wandimmu DGabaasaa: Bitootessaa 06/2014 Godina Lixa Shawaa Aanaa Midaa Qanyii fi Aanaa Calliyaa Geedootti FDG haalaan jabaata ta’ee itti fufe jira. Goototni Qeerroon baratootni Oromoo mana barumsaa Ballaammii sadarkaa lammaaffaa fi qophaa’ina fi mana barumsaa Geedoo sadarkaa lammaa fi Qophaa’ina guyyaa kana waggaa shanaffaa wareegamuu barataa Sabboonaa Oromoo Wandimmuu Dammanaa barataa kutaa 11ffaa M/B Geedootti utuu baratuu arrabsamuu fi maqaa xurreessa ilmaan habashaa fi ergamtootni Wayyaanee Uummata Oromoo irraatti gaggeessan mormuun diddaa bara 2001 akka lakkofsa Ethiopiatti FDG gaggeeffame keessatti adda dureen uummaata keenya maqaa xurreessuun, lafafuun, hadheessuuni fi xiqqeessuun dhaabbachuu qaba jechuun warreen FDG kaachisan keessa barataa Wandimmuu Dammanaa nama tokko waan ta’eef Diddaa baratootni Oromoo gaggeessan dura dhaabbachuuf mootummaan Wayyaanee humna waraanaa of harka qabu itti bobbasuun dhukaasaa baratoota Oromoo irraatti godheen barataa Wandiimmuu Dammanaa ajjeefamuun ni yaadatama.
Kanuma sababeeffachuun goototni baratootni Oromoo mana barumsaa Ballaammii sadarkaa 2ffaa fi Geedoo sadarkaa 2ffaa Bitootessaa 2 fi3/2014 yaadannoo sabboonaa Barataa Oromoo Wandimmuu dammanaaf yeroo shanaffaaf si’a gaggeessan kanatti dhunguu halluu alaabaa ABO qabsiifachuun guutummaatti barnoota dhaabuun yaaddannoo sammuu yeroo taasisan, kayyoo bilisummaa fi kabajamuu mirga Oromoo goototni ilmaan Oromoo bara baraan irraatti wareegaman yaadachuun qabsoo bilisummaa Oromoo fulduratti tarkaanfachiisuuf FDG egalamee jiru ni jabeessina jechuun barruu warraqsa FDG kan gaaffii mirga abbaa biyyummaa Oromoo of irraa qabu Qeerroon bilisummaa Oromoo hoggansii dhiha Oromiyaa maxxansee uummataaf tamsaasaa jiru, Guutummaa magaalaa Ballaammii fi Geedoo keessatti uummataaf rabsuun barnotaa dhaabuun FDG qabsiisuun mormii wayyaaneef qaban ifatti argisiisan.
Kanaan wal qabatee M/B Ballammiitti sirni baruu fi barsiisuu guyyota lamaan kanaaf dhaabbate jiraachuun ibsame jira, sabaaba FDG armaan olitiin walqabatee Baratootni Oromoo nagaanhumna poolisii wayyaaneen qabamanii wajjira poolisii Aanaa Midaa
Qanyiitti hiraarfaman:
1,Barataa Biraanuu Cimdeessaa barataa kutaa 12ffaa
2 .Alamuu Tayyee barataa kutaa 10ffaa
3. Dammumaa Tasfayee barataa kutaa 10ffaa.
4. Tashoomaa Dhugaasaa barataa kutaa 12ffaa
5,Guddataa Moosisaa barataa kutaa 10ffaa
6. Geetuu Cimdeessaa batarataa kolleejji irra eebbifame hojii dhabee ta’aa jiru kanneen keessatti argaman baratoota Oromoo nagaa namoota 24 hidhuun hiraarsuu ibsamera. maqaa baratoota hafanii kan qaqqabsifnu ta’a.