Bitootessa 24/2014 Godina Shawaa Lixaa Magaalaa Ambootti FDG Qeerroo Dargaggoota Oromootiin bifa harawaa fi qindawaan itti fufe. Qeerroon baratootni Oromoo dhaabbilee barnootaa olaanoo biyyatii Yuunivarsiitootaa fi koolleejjota garagaraa irraa eebbifaman kanneen baay’inni isaanii 100 ol ta’aniin haala qindoomina qabuun qabsoon hojii dhabdoota baratoota Oromoo sadarkaa barnootaa digirii jalqabaa fi dipilomaa qabaniin egaale jira.
Gootootni Qeerroon dargaggootni Oromoo biyyaa abbaa keenyaa Oromiyaa badhaatuu keessatti hojiidhabdee taanee, jiruuf jireenyaan dararamaa jiraacha jirra, jechuun Wajjiraa bulchiinsaa Godina fi Wajjiraa komishinii Poolisii Godina Lixaa Shawaa fulduraatti walitti qabamuun gaaffii isaanii qindeeffatanii bulchiinsa godina lixa shawaatti yeroo dhiyeeffatanitti hojjetootni ergamtuun sirna Wayyaanee godinichaa bulchaan Godinaa waan hin jirreef yeroo inni jiruttii gaaffii keessan isin irra fuudhamaa malee ofii keenyaa deebisuu hin dandeenyu jechuun deebii sodaan guutame kenaani jiru.
Komishiniin Poolisii Godina Lixaa Shawaas gaaffii keessan kan nuti deebisuu hin dandeenyu bulchaan godinaas hin jiruu jechuun namni gaaffii hojiidhabdoota baratoota Oromoo keessuummeessuu dhibamuun biyyaattiin mootummaa mataa ishee kan hin qabne ta’uu kan mul’isuu ta’uun ifatti saaxilamee jira. Mootummaan Wayyaanee fi ergamtuun Wayyaanee gaaffii dargaggoo Qeerroo Oromoo jalaa lafa seentu dhabdee muddama cimaa keessa seentee jiraachuun hubatame jira. Boodarraan erga deebiin kun baratoota Oromoo barnoota xummuraanii hojii dhabanii jiruuf jireenyaan dararamaa jiran kanaaf kennamee boodaa komishiniin Poolisii godina Lixaa Shawaa fi humnoonni basaasaa wayyaanee baratoota Gaaffii Mirgaa dhiyeeffatan gooluuf poolisoota fi humna waraanaa hidhachiisuun dorsisanii addaan bittineessuuf yaalii godhamee Goototni baratootni Oromoo nuti mirga keenyaa falmachuuf baanee waan ta’eef dorsiisaa, hidhaa, du’aaf illee duubattii kan deebinu hin se’iina, gaaffii kenyaa nurraa fuudhaa nuf deebisaa, yoo kana hin gootaan ta’ee biyyaa gadhiisaa abbaan biyyaa dhufee biyyaa fi nuyi uummata isaa seeraan haa bulchuu jechuun afaan qabachiisaan.
Humna tikaa fi baasaasaa Wayyaanee godin Lixaa Shawaa kan ta’ee kan yeroo hedduu ilmaan Oromoo bakkota garaagaraatti hisiisaa, ajjeesisaa, fi biyyaa irra arii’achaa ture namni maqaan isaa “Leejjisaa Jootee” jedhamuu uummata doorsisuun   walga’ii seeraan alaa walitti qabamtan hundii keessan iyyuu ni hidhamtuu jechuun ergama diinummaa isaa bahuuf yaalii godhullee goototni sabboontotni qeerroo dargaggootni Oromoo mirga keenya kabachiifachuuf gaaffii karaa nagaa fi dimookiraasii dhiyeeffachaa jirruuf duubatti hin deebinu ati mataan kee seeraatti dhiiyachuu qabda malee nu shororkeessuu hin dandeessuu jechuun dura dhaabbatan. Komishiniin Poolisii Godinichaa baratoota tasgabbeessuuf yaalii godhullee jechootni dabbaloota Wayyaanee akka ergamticha diinaa ”Leejjiisaa Jootee” keessa ba’uu dhiiga kan nama danfisuu ta’uu, baratootni ifatti dubbachuun gaaffiin mirgaa hojiidhabdummaan walqabatee ka’ee kan itti fufuu fi hin dhaabbannee ta’uu hubachiisuun Gaaffii har’a kaasaan kanas lafa bulchiinsii godinichaa jirutti itti fufinsaan fulduratti kan dhiyeeffatan ta’uu murteessuun kan gargar bahan ta’uun ibsamera.