Saturday, July 26, 2014

Amboo:- Abbaan Alangaa Manni Murtii Waliigala Oromiyaa Sabboontota 52 Irratti Akka Murtii Sobaa Keenu Dirqami Wayyaanee Irraa Akka Itti Kennamuu Qeerroon Gabaase

Gabaasa Qeerroo Magaalaa Amboo Adoolessa 26,2014
Abbaan Alangaa Manni Murtii Waliigala Oromiyaa Ilmaan Oromoo Ambootti keessatti Wayyaaneedhan hidhamanii jiran irratti himata sobaa akka dhiyeessuu mootummaan abbaa irree Wayyaanee dirqama itti kenne. Yeroo ammaa kanattis ilmaan Oromoo Ambootti hidhamanii jiran keessa ilmaan Oromoo 52 irratti himanni soba dhihaate jiraachuu Qeerroon Ambo irraa gabaasa.
Guutummaa galmee himata Oromoota 52 waajjira mana murtii keessaa bahe kanatti akka itti aanutti dhihaata.

No comments:

Post a Comment