Sunday, July 13, 2014

Diddaan Ummataa Kan Tufan Nama Arraabsisa!

Diddaa Uummataa

 Jiituu Lammii, Adoolessa 13, 2014
barruuWaaqaa gaditti kan sodatamuu fi kan bara baraan jiraatu ummata. Ummanni kan jibbe ni buqqisa; kan jaalatemmoo jabeessee dhaaba. Kunuunsee magarfata. Kana hunda gochuuf  humnaa fi ga’umsa of harkaa qaba. Ummanni humnoota jallinaa seenaa dhala namaa keessatti  dhufanii darban hunda dabareen ofirraa godaanisisaa ofii bara baraan jiraata. Henry VIII ( England 1509 – 1547), Adolf Hitler (Germany 1933 -1945),Augusto Pinochet ( Chile  1973 -1990), Benito Mussolini (Italy 1922 – 1943 ), Joseph Stalin (USSR 1922 – 1953), Jean Bokassa (Central African Republic 1966 –1976), Idi Amin Dada (Uganda 1971 – 1979.) Emperor Menilik,  Mengistu Haile Mariam fi Meles Zenawi (Ethiopian Impair), hunduu bara isaanii keessatti hirree jabeeffatanii ummatarratti fokkuu dalaganiiru. Ajjeesaniiru. Ajjeesisaniirus. Isaaniin olitti Waaqayyollee jiraachuu dagataniiru.  Haa ta’u malee  Isaanis ta’e, akeekni isaanii bakkatti hafuu hin dandeenye. Ummanni garuu yaadannoo xuraawaa isaan dhiisanii darban faana   isaaniirraa seenaa keessatti ilaalee yaadachaa bara baraan jiraata.Diddaan Ummataa Kan Tufan Nama Arraabsisa!

No comments:

Post a Comment