Tuesday, July 15, 2014

Oromoota 60 ta’an Kanneen Wallagga,Magaalaa Najjoo Irraa Hidhaman Irratti Manni Murtii Wayyaanee Ragaa Sobaan Himata Bane.

Gabaasa Qeerroo magaalaa Najjoo Adoolessa 15,2014

Qeerroo bilisummaaKanaan dura FDG magaalaa Najjoo keessatti gaggeeffameen ilmaan Oromoo magaalaa Najjoo keessatti qabamanii mana hidhaa Wayyaanee EPRDF itti jumlaadhaan guuraamanii hidhamuu fi dararamaa akka turan gabaasuun keenya ni yaadatama. Haaluma kanaan ammos Oromooti 60 adda durummaan qindeessitoota FDG ti jedhamnii yakkamuun hidhamanii reebichi hamaan irraan gahamaa jiraachuu gabaasi Qeerroo addeessa.
Oromoota 60 ol ta’an kana keessaa ammo Wallagga Lixaa keessatti akeeka ABO uumata barsiisuun FDG adda durummaan qindeesitaniittu sababa jedhamuun humna tikaa Wayyaaneen yakkamanii mana murtii godinaa kan magaalaa Gimbii irratti himataman. Kanneen keessas namoota 8 filuu dhaan galmee namootaa jalatti tarreessuun ragaa sobaan dhaddachi Wayyaanee yakka jira.
Akkaataa kanaa gadiitiin Wayyaaneen murtoo itti kennuuf jecha Oromoota kana irratti raga sobdoota irratti qopheessuun mana murtiitti dhiyeessaa jiran keessaa wal duraa duubaan:
1.Barsiistuu Yaadanii Malaakuu Garbaa.
Namoota ragaa ishee irratti bahan:-
1.1 Eebbaa Galataa Nagaasaa
1.2 Tamasgeen Gudduu Sadansaa
2.Barsiisaa Booranaa Gidduu
Namoota ragaa irratti bahaa jiran
2.1 Nigaatuu Dheeressaa Dhaabaa
2.2.Poolisii Tafarii Bantii Odu
2.3 Girmaa Saakkataa Hundee
3.Mitikkuu Nagaasaa Cammir-Barataa kutaa 11ffaa
Namoota Ragaa Irratti Bahaa Jiran
3.1 Poolisii Tafarii Bantii Oduu
3.2 Poolisii Iddoosaa Abdiif Eliyaas
4.Gammachiis Israa’el-Barataa
Namoota Ragaa Irratti Bahaa Jiran
4.1 Ifreem Bayyanaa Gammachuu
4.2 Geetachoo Addisuu Caalaa
4.3 Raggaasaa Dhaabaa Galataa
5.Lammeessaa Malaakuu Garbaa-(Shufeera)Obboleessa B/tuu Yaadanii
Malaakuu Garbaati
Namoota Ragaa Irratti Bahaa Jiran
5.1 Tasfaa Taaddasaa Caalaa
6.Taarikuu Ittafaa Galataa-Barataa
Namoota Ragaa Irratti Bahaa Jiran
6.1 Daani’el Aseffaa Birhaanuu
6.2 Jigaayyoo Tokkummaa Qumbii
7.Fiqiruu Tafarraa Dhaabaa-Dafqaan Bulaa
Namoota Ragaa Irratti Bahaa jiran
7.1 Alamaayyoo Negeraa Gobbuu
7.2 Abbabee Hiikaa Atoomsaa
8.Gaaddisaa Bayyanaa Qannoo
Namoota Ragaa Irratti Bahaa Jirabn
8.1 Dessaaleny Dhidhiitaa Waakkannee-Itti gaafatamaa dhimma
nageenyaa aanaa Najjoo Namootni maqaa sochii ABO faarsuu fi hojii dhaabaa hojjetaa jiru akkasuma nama ijaaraa jiru jechuudhaan himata irratti bananii gara mana murtii godinaa magaalaa Gimbii irratti deddeebisaa akka jiran gabaasni Qeerroo har’a nu gahe addeessa.

No comments:

Post a Comment