Thursday, July 17, 2014

Barataa Mootii Mootummaa Abdii barreessaan kitaaba “Qaroo Dhiiga Boosse” Humnoota Tikaa Wayyaaneen Ukkaamfame.

Barataan Yunversitii Wallaggaa Fincila Diddaa Gabrummaa fi Mormii Master Pilaanii magaalaa Finfinnee Barattootni Oromoo Yunversitii Wallaggaa geggeessan keessaa harka qabda; kanneen qindeessan keessas jirta jedhamuun mootummaa wayyaaneen barnoota isaa irraa kan ari’ame magaalaa Finfinnee keessaa humnoota tikaa wayyaaneen ukkaamfamee bakki buuteen isaa dhabame.
Yunversitii Wallaggaatti barataa Muummee Civil Engineering waggaa 3ffaa kan ta’e barataa Mootii Mootummaa Abdii jedhamu FDG fi mormii master pilaanii magaalaa Finfinnee barattoota Oromoo Yunversitii Wallaggaan geggeeffame keessatti hirmaatteetta; akkasumas kanneen FDG qindeessan keessatti argamta kan jedhuun mootummaan wayyaanee fi ergamtootni isaa dharaan yakkuun barnoota isaatti akka hin deebine murtii ariisaa (dismisal) kan irratti murteessan oggaa ta’u, kunuu isaan gahuu didee, Adoolessa 14,2014 magaalaa Finfinnee naannoo Piyaassaatti guyyaa keessaa sa’aa 12:00 irratti humnootni tikaa sirnichaa ukkaamsanii fudhatuun bakka buutee isaa akka dhabamsiisan beekameera.
Humnootni tikaa sirna wayyaanee barataa Mootii Mootummaa ukkaamsanii fudhatan namoota shan oggaa ta’an, isaan keessaa tokko kana dura magaalaa Ambootti tika wayyaanee kan turee fi yeroo ammaa Adaamaadhaa kan hojjetu nama maqaan isaa Tasfaayee jedhamu ta’uunis barameera.
Barataa Mootii Mootummaa Abdii barreessaa kitaaba “Qaroo Dhiiga Boosse” jedhamuu oggaa ta’u, sabboonummaa Oromummaa nama qabu akka ta’es kanneen isa beekan ibsaniiru.
Mootummaan Wayyaanee akkuma ilmaan Oromoo hedduu ukkaamsee nyaataa turee fi jiru barataa Mootii Mootummaa Abdii irrattis yakka fakkaataa raawwachuun isaa hin oolu kan jedhan hiriyootni isaa, ilmaan Oromoo biyya ambaatti argaman dararaa fi lubbuu ijoollee Oromoo hidhaa keessatti argamanii hambisuuf kanneen mirga dhala namaaf falmanitti iyyachuufii jabeessanii akka itti fufan dhaamsa dabarsaniiru.

No comments:

Post a Comment