Sunday, July 27, 2014

Hawaasni Oromoo Roobii dabre irraa eegalanii nyaataa fi dhugaatii lagachuun mormii dhageessisaa jiran.

 —
Hawaasni Oromoo Roobii dabre irraa eegalanii nyaataa fi dhugaatii lagachuun mormii dhageessisaa jiran.
July 27, 2014
Maaster Plaanii kan magaalee addaa Oromiyaa Finfinnee jala galcha – jedhame mormuuf kanneen hiriira nagaa ba’an barattoota Oromoo irratti tarkaanfii humnoota mootummaan fudhatame – jedhan ajjeechaa, reebichaa fi hidhaa mormuudhaan as Washington DC kanneen jiraatan miseenonni hawaasa Oromoo Roobii dabre irraa eegalanii nyaataa fi dhugaatii lagachuun mormii dhageessisaa jiran.
Mootummaan Itiyoophiyaa lammiiwwan isaa irratti miidhaan geessisu hammaatee itti fufee jira- kanneen jedhan – miseensonni hawaasa Oromoo kun masaraa Waayit Haawus fuulleetti nyaataa fi dhugaatii lagachuun mormii geggeessanitti kanneen hirmaatan namoonni gara soddomaa ta’an, kaayyoon isaanii miidhaa uummata isaanii mudataa jiru mootummaa Ameerikaa fi addunyaatti beeksisuu ta’uu dubbatan.
Naannoon Masaraa Waayit Haawus bakka tuuristoonni itti heddummaatan waan ta’eef, ergaa keenya lammiwwan Ameeikaa qofa otuu hin taane tuuristoota biyyoota Addunyaa adda addaa irraa dhufanii fi falmitoota mirga dhala-namaa dhaqqabsiifannee jirra – kanneen jedhan – mormitoonni kun, “hedduun isaanii suuraa keenya kaafatanii, barreeffama nu irraa fuudhanii, akka mootummoota biyya biyya isaanitti beeksisanii fi nu waliin dhaabatan waadaa nuuf seenanii jiran”. Qindeessitoota mormii kanaa keessaa, akkasumas, hirmaattota keessaa haga tokko dubbisnee jirra.

No comments:

Post a Comment