Sunday, July 27, 2014

Barattooti Oromoo Yuuniversitii Madda Walaabuu 4 Boqonnaa Yeroo Gannaaf Gara Maatii Isaanii Wallagga,Gidaamii Itti Galan Tika Wayyaaneen Qabamuun Bakka Buuteen Isaanii Dhabame‏

Gabaasa Qeerroo Qellem,Gidaamii Adoolessa 26,2014
BilisummaaMootummaan wayyaanee barattoota boqonnaa yeroo gannaaf maatii galan maatii irraa  irraa ugguruudhaan qabee mana hidhaatti galchaa akka jirtu gabasi nu gahe addeessa. Har’a gabaasni Qeerroo Qellem Giddamii irraa nu dhaqqabe kan ibsu barattoota madda Walaabuu Yuuniversitii irraa galan aanaa Gidaamii ganda Giraay Sonqaa jedhamu irraa basaasaa wayyaanee aanaa kaan irratti ilmaan Oromoo dabarsee diinaf saaxilun kennaa jiruun saaxilamanii humna waraana Wayyaanetti kennamuudhaan  Adoolessa gaafa 18/2014 qabamanii hidhamanii jiru. Basaasaan wayyaanee maqaan isaa Waaqgaarii Qan’aa kan jedhamu jiraataa aanaa Gidaamii ganda Giraay Sonqaa jiraataa kan ture amma garuu ganda Afteer Saanboo jedhamutti teessoo jireenya isaa kan jijjiirrate maqaa qindeessitoota FDG,Miseensa ABO, Alabaa ABO fannisuutiin, uummata kakaasuu fi ijaaruun duras aanaa kana keessatti isaan kun warra duraati jechuudhan yuuniversitii irratti hojii kana hojjetaa akka turan jedhee diinaaf kennee kan jiru gabaasni nu gahe ibsa, ijoollotni kuni maqaan isaanii akka arman gadii kan taheedha
1.Gammadaa Birhaanee
2.Solomoon Taaddasaa
3.Mallasaa Taaffasaa
4.Amaanu’eel Facaasaa
kan jedhamaniidha, namootni maatii akka tahanii fi amma gara itti hidhamanillee kan hin beekmne tahuu isaa Qeerroon gabaasee Qellem Wallaggaa Gidaamii irraa nuuf gabaasee jira.

No comments:

Post a Comment