Thursday, July 10, 2014

Wallagga, Qellem Dambi Dolloo Keessatti Miseensotiin OPDO fi Hojjettooti Mootummaa Aangawoota EPRDFn Qormaataan Muddamaa Jiru

Qeerroo DD Adoolessa 09,2014
Gabaasa Qeerroo magaalaa Dambi Dolloo irraa,Adoolessa 09 akka addeessutti, FDG Oromiyaa keessatti dhalate bifa ittiin dhabamsiisan marihachuuf jechaa fi madda isaa isaa adda baafachuudhaaf jecha aangawoonni mootummaan Wayyaanee barattoota koollejjii Dambi Dolloo walgayii yaamuudhaan qorannoo guyyaa 5nf gaggeessaa tureera. Kun torbaan darbe yeroo ta’u, ammas dabalataan magaalaa Dambi Dolloo irra hojjetootaa fi miseensota OPDO kanneen ta’an qorannoo sochii barattootaa adda baafachuudhaaf walgayii muddisiisaa yaamanii akka jiran gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.
Kaayyoon walgahii kanaa gara fuula duratti sochiin barattootaa fi Qeerroo Oromiyaa keessatti qabatee jiru mootummaan akkaataa itti dura dhaabbatuu fi dandayus ukkaamsuu kan jedhuu fi uu, FDG kun ammas deebi’ee Oromiyaa keessaa godina kana irratti kan dhalatu yoo tahe isinuma hojjettoota mootummaa fi bulchitoota OPDOtu shakkama, toohatama jechuudhaan akkasuma yeroo ammaa barattootni gara qe’ee isaanitti galaatu jiru,kanaaf ammo hordoffii gochuu fi barattoota walgayi garagaraatiin qabuu qabdu jechuun hojjetoota isaa godina Qellem Dambi Doolloo irra jiranitti dhaamsa dhaammataa akka jiru Qeerroon gabaasee jira. Itti fufee humni waraana wayyaanee dabalataan naannicha buufatee kan jiru tahuu isaa gabaasni nu gahe addeessa.

No comments:

Post a Comment