Sunday, July 6, 2014

FDG Tumsitan Sababa Jedhuun Mootummaa Abbaa Irree EPRDF Poolisoota Dhalootaan Oromoo Ta’an Irratti Qormaata Gaggeessaa Jira.

Gabaasaa: Adoolessaa 5,2014 Godina Jimmaa magaalaa Jimmaa keessatti FDG Qeerroo ykn dargaggootaa fi barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaan gaggeeffama jiru daran jabaachuun gara mooraa waraanaa fi Poolisootatti tarkaanfachaa jira.
Ilmaan Oromoo mooraa waraanaa Wayyaanee magaalaa Jimmaa keessatti argamuu kan kutaa 12ffaa (Asira 12nya kifile xoor’ jedhamee beekamuu fi buufata waaraanni eegumsa godhina dhiha biyyattii jedhamee beekamuu keessatti FDG eegaleen humnooti waraanaa ajaja mootummaa irraa gadi darbu fudhachuu diduun gaaffii kakaasaa jiraachuun isaanii beekame.
Haala kanaan kan baarage mootummaan Wayyaanee humna qorattaa addaa jechuun kallattiin dhalootaan Oromoo kanneen ta’an warreen ta’an qoratamaa akka jiran beekame. Ajajootni Waraana TPLF/EPRDF aangoo waraanaa ofiin dhunfachuun Oromoo fi saboota biroo maxxantuu fi ergamtuu godhachuun itti fayyadamaa jiraachuu irraan mormiin mooraa waraanaa kana keessatti dhalatee jiruu ilmaan Oromoo qorannoo guddaaf saaxilee jira.
Poolisootni dhalootaan Oromoo ta’anii fi Oromummaa isanitti amanan maqaa sochii FDG barattootni Oromoo Yuuniversiitii Jimmaa gaggeessa jiran keessa harka qabdu, dargaggoota barattoota Oromoo Yuuniversiitii Jimmaatu isin ijaaree, miseensa Qeerroo ta’uun ijaaramtanii jirtu fi gaaffiilee kanneen fakkaatan dhiheessuun qormaataan akka cinqaa jiran gabaasi keessa moorichaa qeerroo dhaqabe addeessa.
Yeroo amma kanattui Poolisootni haala kanaan dararamaa jiran:
  1. Poolisii Dabaloo Dassalee Godina Baha Wallaggaa aanaa Kiiraamutti kan dhalate yeroo Qeerroon dargaggootni barattootni Oromoo Yuuniversiitii Jimmaa FDG mootummaa irratti gaggeessan, Qawwee fudhattee gara Godina dhaloota kee Kiiraamuu deemuun uummata FDG kakastee, fincala baha Wallaaggaa keessatti gaggeeffame keessa harka qabda jechuun sobaan yakkamee wajjira Poolisii Godina Jimmatti hidhamuun dararama jira.
  2. Poolisiin Daani’eel jedhamus maamila poolisii Dabaloo Dassaleetti Qeerrootti ijaaramtanii FDG gaggeeffama jiru keessa qooda guddaa qabdu, Ajaja fudhachuu diddaan, Barattoota Oromoo Yuuniversitii Jimmaa fi Koolleejjii barsiisota Jimmaa waliin hariiroo qabdu, barattoota qaba hidha jechuun ajajamtanii barattootni akka hin hidhamne mootummaa dura dhaabbatan jedhamuun kanneen hidhamanii dararama jiran keessatti kan ramadaman ta’u.
Qindeessitooti FDG Oromoo ilmaan Oromoo kun Oromoo ta’uu qofaan balleessa tokko utuu hin qabaatiin dararamaa waan jiraniif Polisootni Oromiyaa dhalootan Oromoo ta’an bakka jiranii dammaquun roorroo saba isaanii irraa akka ittisaniif wamicha caasaa keessaan akka dabarsaa jiru addeesee jira.

No comments:

Post a Comment