Thursday, February 25, 2016

Warraaqsi Bilisummaa Oromoo Finiinaajiru Sochii Oromoo Jaarraa 16ffaa wajjin wal fakkaata


12745860_1966879410203809_2637605323044639781_n

february 25, 2016 in oromia

Tulluu Caalii
Habashooti meeshaa waraanaa dhuka’u (qawwee) gargaarsaanis ta’e bittaadhaan ala irraa galfachuu kan eegalan sochii Oromoo dura yeroo lola Ahmed Giraanyi, walakkeessajaarraa 16ffaa isa duraa keessa ture. Galaawudiyoos, gargaarsa meeshaa waraanaa dhuka’u, Maskeettoo 400 fi loltoota 400 biyya Portugaal irraa argachuu isaa seenaan ni yaadata. Giti bittoota Habashaa gaafas meeshaa lolaa qofa utuu hin taane operteteroota meeshaa lolaa (warra qawwee hiikuu fi hidhuu beekan, dhukaastotaa fi kkf ), gorsitootaa fi ogeessota waraanaa maallaqaan bitaaman (mercenaries) meeshaa waliin ala irraa fichisiifataa turan. Giti bittoota Habashaa yeroo sanaa qabanii qawwee ykn meeshaa lolaa madda aangoo politikaa, meeshaa saamichaa fi madda jireenyaa taasifatan. Maatiin Habashaa hundi keessaahuu mucaa dhiiraa dhalatuuf waa hunda dura qawwee bituufiin akka aadaatti fudhatame.
Gama kaaniin immoo uummati Oromoo jaarraa 16ffaa yeroo Habashoota waliin lola gurguddaa seenaa ture meeshaa baranee dhuka’u qawwee xixiqqaas ta’e gurguddaa qabaachaa hin turre. Yeroo sanatti meeshaa waraanaa dhuka’u karaa itti ala irraa galfatu hin qabu ture. Meeshaa lolaa Oromoon gaafa duraa gargaaramaa ture meeshaa lolaa aadaa kan akka eeboo, hoffaa, gaachanaa fi farda ture. Haa ta’uu Oromoon osoo meeshaa lolaa baranee hin qabaatin diina isaa haa xiqqaatuu Maskeettoo fi Madfii hanga tokko hidhate akkamiin injifachuu danda’e kan jedhu seena barreessitoota wal gaafachiiseera.
Maddi Jabina sochii Oromoo jaarraa 16ffaa inni guddaan tokkummaa sabaa jabaa qabachuu isaa ti. Sirna Gadaa jalatti Caasaa waalta’aa daanga hanga daangaatti isa sochoosuu danda’u qabaachaa ture.
Hawaasi Oromoo guutummaatti caasaa waraanaan ijaarame jechuutu danda’ama. Hoomaan waraana Oromoo dhaloota adda addaa(age sets) sadii irraa Cibraa cibraatti(regiments) ijaarama ture. Isaanis tokkoffaa, luboota Gadaa (sadarkaa Gadaa waggaa 40-48 jiran) kan haammate dha. Lammaffaa, gartuu qondaalotaa( Raaba sadarkaa Gadaa waggaa 32-40 warra jiran)dha. Sadarkaan lammaffaa kun walumaa gala gulantaa loltummaa(warrior class) jedhamee beekama. Akaakuu Sadaffaan, qeerroo ykn dagaggoota hin fuudhin (bachelors) irraa kan ijaaramu dha. Murni kun murna waraanaa (apprentice or junior warrior class- sadarkaa Gadaa waggaa 24-32 warra jirani dha). Akka kanaan hawaasa Oromoo keessaa namni umuriin isaa lolaaf gahe sadarka gadaa waggaa 24 fi sanaa ol jiru hundi loltuu ture jechuu dha. Wayta alagaan Oromoo weeraru yookaan sadarkaa sabaatti lola seenu hunda kanatu abbootii Gadaan hoogganamee caasaa ijaaramee jiruun sochoofama(general mobilization).

Kanatti dabalee ol aantummaa Oromoon qabaachaa ture keessaa tokko beekumsa lola fardaa cavalry qabaachuu isaa ti. Yeroo sanatti Habashoota dhiisii ummatooti sirna mootummaa jabaa qabu jedhamaa turan warri akka Zuuluu fi Fulaaniifaa iyyuu lola fardaa hin beekan ture. Akkasumas Oromoon humna waraanaa tooftaa lolaa beeku, naamusa, sirnaa fi qindoomina qabu qabaachaa ture. Qondaalli waraanaa warra Poortugaal,Castanhonso jedhamu Habashootaaf dirmatee Oromoo lolaa ture iyyuu “waraanni Oromoo lakkoobsaa fi ayinaan guddaa ture; loltooti Oromoo gaafas akka loltoota biyyoota hin qaroominii jigiidhaan akka gabaa kan wal faana yaa’an utuu hin taane murna murnaan ijaaramanii akka waraana baranee, squadron-itti socho’u’ turan; oggaa lola seenu hiriira lolaan bakka tarsiimoo qabatanii lalu” jedhe. Walumaa gala Oromoon jaarraa 16ffaa keessa diinota isaa meeshaa ammayyaa hidhatanii itti duulan, haleelee of irraa deebisuu kan danda’e meeshaa lolaa baranee dhuka’u qabaatee utuu hin taane tooftaa lolaa, naamusaa fi akeeka jabaa irratti waan ijaaramee fi baayyinaan ykn tokkummaan ka’ee waan loleef.
Mootummaan sirna Gadaa Oromoo mootummaa dimokratawaa waan tureef waraanni Oromoo naamusa jabaan socho’aa ture. Diina isaa injifatee yeroo boji’u dhiittaa mirga namoomaa irratti hin raawwatu. Ummata alagaa inijfatetti hin roorrisu. Ummata irraa saamee hin nyaatu. Faallaa kanaa immoo waraanni Habashaa hiyyeeyyii fi namoota yakkamtoota irraa ijaarame waraana uummata weeraree saamee nyaatu “Warro Ballaa” ture. Kanaaf dhumairratti injifatame.
Warraaqsa Bilisummaa Oromoo wayta ammaa ummata bal’aa Oromoon finiinaa jirutti wayta deebinus haaluma wal fakkaatu argaa jirra. Waraanni Wayyaanee waraana shiftaa ummata nagaa jumulan fixu, warro ballaa dha.Akeka saamichaa Wayyaanee tarkaanfachiisa. Waraana faashistii ummata kara ademaa bakka argetti ajjeesuu fi jumulaan fixaa jiru dha. Ol aantumma meesha lolaa qabuun dhiita’ee maal na dhibeedhaan tarkaanfii suukanneessaa ummata Oromoo naga irratti fudhata.
Gama biraan immoo Uummati Oromoo akka sabaatti daangaa hanga dangaatti ka’ee(In unison) alagaa humna waraanaa fi meehsaa baranee hidhateen itti duulee isa saamaa fi ajjeesaa jiru of irraa qolataa jira. Diina waggoota 25if itti roorressie of irraa kaasuuf wal gurmeessee murannoon socho’aa jiraachuu isaa agarra. Injifannoos galmeessaa jira. Dargaggoo, nama guddaa, jaarsa, dhiira –dhalaan, qonnaan bulaa fi hojjetaa walumaa gala murnoota Hawaasa Oromoo hundatu kaabaa kibbaa, bahaa dhihaan harka wal qabatee murannoon diina harka duwaa fi meeshaa aadaa qabuun of irraa lolaa jira. Qawwee ni hidhanna malee hin hiikkannu jechuun gootummaan diina dura dhaabbatee qawwee irraa hiikkachaa jira. Dhugaa dubbachuuf sochiin bilisummaa Oromoo akka galaanaa guutee mandi’e. Naamusa, qindoominaa fi tooftaan ittiin deemamaa jirus hedduu bilchaataa fi kan nama raaju dha. Kanaaf Habashoota aangoo harkaa qaban qofa utuu hin taane kanneen aangoo harkaa buute deebifachuuf sirna jiru morman illee sochii Oromoo deemaa jiru kana maaltu dhufuuf deema jedhanii sodaa irraa rommaa jiru. Haalli Oromoo kun sodaachisaa dha jedhanii guungumu. Akka kanaan Oromoon empaayerattii keessatti qofa utuu hin taane godinaa Gaanfa Afriikaatti iyyuu humna ta’uu isaa hojiin mul’isaa jira. Kanaaf Warraaqsi Bilisummaa Oromoo finiinaa jiru sochii Oromoo jaarraa 16ffaan wal fakkaachaa jira kan jennuuf. Diinni Ol aantummaa meeshaa lolaa hangamuu yoo qabaate xayyaaraa fi helicopter, Taankii fi Madfiin kamuu humna ummataa injifachuu hin danda’u. Sheelii fi rasaasi ummata tokko lafa irraa fixes seenaa keessatti hin mul’anne. Waan ta’eef sochiin bilisummaa Oromoo finiinaa jiru maayyii irratti injifannoon akka xumuramu shakkiin tokko illee hin jiru.
Tokkummaan Saba Oromoo haa jabaatu!
Ni moona!
Injifannoo Ummata Oromoof

1 comment:

  1. Ammas Abbaan Gadaa geggeessaa Oromoo ta'uu isaa mirkaneesse jira. Kanaaf ummatni tokko ta'ee hiriruun amma.

    ReplyDelete