Wednesday, August 21, 2013

Of-Keessatti Amantaa Dhabuu Irraan Mootummaan Wayyaanee Oromoota poolisoota federaalaa fi Finfinnee kanaannee ta’an hidhuu eegale

Hagayya 19,2013 Finfinnee

Dhiibbaan mootummaa wayyaanee ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffannoo addaan kennamaa kan turee fi itti jiru daran jabaachuun yeroo ammaa wal diigumsaa fi wal amantamummaa keessa mootummaadhaa dhabameen poolisootni Finfinnee magaala Finfinnee keessaa ilmaan oromoo tahan mana hidhaatti ukkaamsamaa jiran. Haalli kun daran hammaachaa kan dhufe yoommuu tahu ilmaan Oromoo poolisii federaalaa keessaa hojjetan magaala Dirree Dawaa fi Adaamaas qorannoo hamaan rakkifamaa jiran. Ilmaan Oromoo
1. Shibbiruu Mulataa magaala Finfinnee irraa Poolisii magaala Finfinnee
2. Barasaa Qixxeessaa poolisii magaala Finfinnee
3. Jamaal Muhee poolisii federaalaa irraa
4. Alamuu Taaddasaa poolisii federaalaa magaala Finfinnee
Keessaa mana hidhaa mootummaa Wayyaaneetti naqamuun dhiibbaan qaamaa fi haamilee cabsaa irratti gaggeeffamaa kan jiru yoommuu tahu, isin miseensota ABO dha jedhamuun reebamuu fi qoratamuu irratti argamu. Mootummaan wayyaanee keessa isaa amantamummaa dhabuun dhiibbaan inni gaggeessu dhumaatii bara bittaa isaa kan mirkansu tahuu kan ibsan ilmaan Oromoo poolisii federaalaa fi Finfinnee daran qabsoo jabeessuun akka itti fufan qeerroof ibsanii jiran.

No comments:

Post a Comment