Thursday, August 1, 2013

“Afaan ati haasoftu kun Afaan Simbiraatii(“yewewof Quanqa new inde?”) naan jedhan buddeenaf laga gama ce’een “ “Lafa Abbaakoo …..Naaf Deebisaa Yaa ilmokoo” jedhan Jaarsi biyya !!!!

Akkuma uummatni Oromoo beeku baroota darban keessa kaayyoo lafa babal’ifachuufi uummata biro koloneeffachuuf akkasumas amala kadhattummaa isaniin kadhaadhaaf gara Kibba Ethiopiatti kessumaa naannoo Oromiyaatti godaanaa turan. Isaan kunis Waarra Habesha ofiin jedhan maqaa Habashaan daladala Lafa Oromiyaa irraatii qarshii buufachaa bara dheeraaf tura.Bakka Amaarri Naannoo Oromiyaa keessatti hin godaanne hin jiru jechuun ni danda’ama haa ta’ulle malee keessumaa naannoo Arsii, Baalee Gobbaa, Wallaggaa fi Showa akka fakkenyaatti kaasuun in danda’ama. Naannoo Arsii Assallaa fi Baalee Gobbaa ammalle uummatni baay’een Afaan Amharaa dubbachuun kan beekamu yeroo ta’u baay’oliinis kan naanichatti dhalatanii Afaan Oromoo hin beekne hedduutu jiru. Akka fakkeenyaatti barattoota Universitiitti ani waliin baradhe hedduun achii dhufan afaaan Oromoo Hin beekan.Egaa Afaan beekuun akka carra hafuu ille ni danda’a, garuu jarri kun baadiyaa irra dhufan.Akka natti himanittis baadiyya Arsii Oromoo keessaa ‘Mandarri Amhaara’ akka jiru naaf ibsan. Naannoo Showaa keessumaa bakka ‘Addisalem’ jedhamutti mana barnootaa Amaariffaan Akka banamuuf hanga Qaama Naannoo Oromiyaatti(region) iyyata godhachuun beekamu.Isaanifis milka’eera. Egaa yaa lammiikoo Biyya Gondar Jedhamu keessa buddeenaaf gaafan deemu Sababan Afaan Oromoo dubbadhuuf waanni narran hin geenye hin jiru.Yoon hunda isinitti hime yeroo fixa.Garuu University keessatti Barataan hamma tokko waliin waan deemuuf isaaf woyya. Ani garuu akka hojjetaatti Magaala keessatti Bilbila kaasee Afaan Oromoon yoon haas’elle nan rifadhan ture.Gaafa tokko Hiriyyakoo faana osoo Afaan Oromoo haas’aa deemnuu “Afaan ati haasoftu kun Afaan Simbiraatii(“yewewof Quanqa new inde?”) nuun jedhan,Jaarsi Guddaan nu bukkee deemaa jiran tokko.Akka aadaa keenyaatti Jaarsi guddaan hin arrabsamu. Homaa hin deebisneef. Garuu akka jenne, Lakki Afaan Oromoo haasofne jeneen”.Isa booda Akkas jedhanii nuuf deebisani;”ihee ye gala quanqa New ayidel? Nuun jedhan.(jechuun isa Afaan Gaallaatii??), itti dabalaniis,”Isu quanqa ahunim Tenagari alew inde? Ahuun mengist Amarigna ayideleme indiyaweru yetederegew jedhani”.egaa yaadni koo kuni asumaan haa gabaabbatu…. Gaafa biraa immoo mana kireeffadheen ‘Oromoo ta’uukoo torbee lama booda na barani. Isa booda gaafa manni kiraayi ji’aa gahu Jaartiin haati manaa balbala irra dhaabattee mucaa ishii tokkoo osuma gurrikoo dhagahuu ,”Hiji Abbatuu gaallaan yebet kirrayi beyiihu” jettiin.Gaafa tokkos Bishaan himnaa oli feyyadamte naan jettee nerga na arrabsitee booda “Duroos qedime bewek noro indennanteen ayinet ikkoo beeteen alakeraayyim nebere” jette.Akkas jechuun “dursee osoon Oromoo ta’uukee beeka ta’ee mana koo warra akka keessaniif hin kireessu ture” jette. Gaafa biraas Osoon Afaan Oromoon bilbila haasofsiisaa deemaa jiruu dhagaa natti darbatanii na reebaniiru. Egaa kuni waan narra gahan keessaa isa xiqqoodha. Gara ergaakoo har’aatti yeroon dhufu; Wallagga keessatti fakkenyaaf naannoo Laga Guddaa Qeexoo’ jedhamu Dambo Dollo keessatti Ummatni bara Dargii Amhara irraa dhufanii buufatan abbaa warraa 600 ol ta’an akka jiran waan ani ijakoon argee jirudha. Ummatni naannoos ni beeka. Jarreen kun Naannoo Dambi Dolloo qofaatti mandara tokko ta’anii addatti bahanii jiraatu(mandara Amharaa jedhaman).Namni sisaanitti dubbatus,namni mirga isaani tuqus hin jiru.Akka barbaadan bahanii galu. Afaan Oromoos hin beekani. ijoolleen isaaniis Afaan Oromoo hin beekan. Hanga Naaanno Oromiyaatti ol iyyachuudhaan Afaan barnootaa gara Amaariffaatti akka jijjiiramu gochuuf gaarri isaan hin dhiibne hin jiru. yeroo ammallee akka ho’aatti itti cichanii,deddeebi’anii qaama olii gaafachaa jiru. Keessumaa,Kan baay’ee nama dhibu waan isaan jedhanii gaafatan keessaa;Nuti Uummatni Amhara naannoo Dambi Dolloo baay’inni keenya waan xiqqaa miti Ijoolleen keenyaas horaa jiru abba warraa 1000 ta’uuf jirra kan boodas dabalaa deema;kanaaf akkuma Naannoo KAMISEE, ‘Oromiyaa naannoo Addaa Amharaa’ jedhamee akka nuuf adda bahuu jedhanii Region(Naannoo) Oromiyaa gaafatani. Kana kan ifa naaf godhes hiriyaa koo Region(naannoo) Oromiyaa keessa hojjetudha.Garuu hanga yoonaa hin milkoofne,marii irratti hafe. Jarreen kun naannoo Laga Qeexoo bakka qonnaaf baay’ee mijaa’aa kana uummatni keenya hin arganne irra qubatanii jiru. Laftichis Laga guddaa Qeexoo kana faana walbukkee waan ta’eef Jal’isiif baay’ee kana mijaa’udha. Garuu jarri durumaanuu Kadhaadhaan dhufan,hojii hin beekani.Ammallee kadhaa irraa adda hin bane. Egaa Obbo Shiferaa Shugutee Naannoo Kibbaa, jarreen akkanaa kana ari’uun isaa ni yaadatama. Amhaaraan maaliif Kibba fi Oromiyaa keessa akka qubatan taasifame?? Egaa yaada koo gabaabsuuf, anillee dhimma filannoof uummata dammaksuuf gara magaalaa ‘Dambi dolloo’ deemen seenaa kana namootni gurguddoon natti himan. Jara sanas irra deeme ilaalee. Lafa keenyaa ‘Abba koof fi Akaakayyukoo irraa kutanii keennaniif’ jedhanii kan himatanis Oromoo baay’eedha. Jaarsoliin Naannoo Dembii Dolloos dhimma kana yeroo gabaabduu ani qabu keessatti naaf ibsan.Namoonni naannoo osoo beel’anii afaan qabatii taa’u jedhu.Isaan kunis dhiphina lafaan baay’ee rakkachaa jiru. Keessumaa namootni lama ani haasofsiise kunniin akka jedhanitti;” Silaa warri naannoo Dambi Dollo barumsa qabaniifi baratan karaa nuuf saaqu jennee turre,silaa iyyata barbaachisu osoo nuuf gochuu danda’anii unuu itti deemmanna,sagalee dhageessifanna naan jedhu”… Yoo abbaan iyyate Ollan dirmata’ jedhu mitiiree ilmako naan jedhan”.Namichi Obbo Waggaarii jedhamu akkas jedhanii dubbatan;Ani Radio Ameerika nan hordofa, tarii namichi Debuubii(Kibba) sun Warra Amaara deemanii lafa namaa qabatani kana akka ari’e dhagaheen ture;warri kan keenyaa maal ta’ani? Uumatni fi dargaggootni naannoos maal nurratti dhiisan? Lafa abbaakoo ani otoo hin dhaaliin eenyutu Abbayi gamaa dhufee akka dhaaluuf kenneef jedhee hin gaafatuu? “ Jedhan. Gabaabumatti,mee Warri naannoo ani kaase kana jirtan fi quuqamtoonni Oromoo hundi mee yaada akkamii qabdu?? Isin warri Woyyaneef ergamaa jirtanoo maal jettu??? Tarii akkuma Harree ‘’ergan du’ee saardoon hin biqiliin’’ jettu ta’aa laata??Jechuun koo; Anaaf tollaan dhimmi dhala oromoo lafti irraa saamamee nan illalatu jettu ta’aa laata? Gurmeessaa Beekama, Finfinne University, Oromia oromogurmeessaa@gmail.com

No comments:

Post a Comment