Friday, August 30, 2013

Waamicha Kabajaa Ayyaana Irreecha Bara 2013 – Bergen (Norway)

Waamicha Kabajaa Ayyaana Irreecha Bara 2013 – Bergen (Norway)

Gadaa.com
Ayyaanni Irreechaa, Aadaa fi Duudhaa ummanni oromoo bara baraan Arfaasaa Tulluutti bahee, Birraa ammoo Malkaa bu’ee guyyaa Waaqa kadhatuu fi kan argateef itti galateeffatuu dha. Aadaa kana guddisuu fi muldhisuun eenyummaa Oromoo guddisuu fi dhaloonni ilmaan oromoo har’a jiran, Oromummaa fi Eenyummaa isaanii akka baran gochuudha.
Kanuma irraa ka’uun, Oromiyaa, magaalaa Bishootuutti ummata miliyoonaan lakkaa’amuu fi biyyoota alaatti ammoo bakka hedduutti ayyaanni irreechaa waggaa waggaan kabajamaa jira.
Biyya Norway, magaalaa Bergenitti bara 2006 irraa eegalee ayyaanni irreechaa sirna ho’aan kan kabajamaa jiru yoo ta’u, haaluma kanaan baranas, Fulbaana 28, bara 2013 kabajamuuf saganteeffamee jira.
Kanaaf kabajaa ayyaana irreecha Bergen bara 2013 irratti argamtanii waliin akka kabajnu ulifna guddaan sin afeerra.
Sagantaa
- Sa’aatii 11.00 irraa eegalee gara Malkaa Irreechaa Fløen jedhamu deemuun irreeffachuu
- Sa’aatii 16.00 booda, galma Brymyra 68a, 5135 Flaktveti argamuun
- Hirbaata, barumsa, qophii aadaa fi bashannanatu raawwata
Aadaa fi Dhuudhaa keenya waliin haa guddifannu!

No comments:

Post a Comment