Thursday, January 9, 2014

Godina Shawaa Lixaa Keessatti Ayyaanni Bokkuu Cittuu fi Guyyaan WBO Sirna Howwaan Kabajame.

Amajjii 5,2014 Amboo
Gabaasaa: Amajjii 5/2014 Godina Shawaa Lixaatti Sirni kabajaa Bokkuu Cittuu bifa howaa ta’een ilmaan Oromoo kumootaan lakka’amaniin kabajame. Bokkuun Ccittuu Aamboo irraa gara kibbaatti 15km fagaattee kan argamtu Sirni kabaja Bokkuu Cittuu akka Gadaa Oromootti bakka olaanaa kan qabuu fi Aamajjii garajalqaba Amajjii Guyyaa WBOtti aansuun Amajjii gafaa guyyaa shani kan kabajamu yoo ta’uu kan bara kanas 5/2014 bifa baay’ee miidhagaa ta’een kabajame jira.Sirna kabajaa Bokkuu Cittuu bara kanaa kan asiin fulduraa irraa wanti adda godhuu Ummaanni Oromoo Godina Shawaa Lixaa heddumminaan irraatti argamuun aadaa, seenaa, dhuudhaa, gootummaa, Amaantaa, Afaan fi eenyummaa isaa faarsuu isaati. keessaattuu Sabboontotni Qeerroon Yuunivarsiitii Aamboo, Yuunivarsiitii kolleejjii RiftiVallii Damee Aamboo, Sabboontootni Magaalaa Amboo fi Gudar gamtaan hirmachuu fi Sabboontotni Oromoo Aanotaa Aakka Aanaa Amboo, Tokkee Kuttaayee, Xiiqur Incinni, Geedoo , Jalduu, Wancii, Walisoo fi Giincii irra heddumminaan irraatti argamuun Oromumma fi Sabboonummaa Oromoo sadarkaa duratti olkaasuun leellifatan.Gabasaasa Godina Shawaa Lixaa

No comments:

Post a Comment