Sunday, January 5, 2014

Baqattoonni Oromo Magaalaa Cairo-Egypt keessa jiraatan ayyaana WBO fi Amajjii 2014 bara haaraa haala ow’aadhaan kabajatan.

Ayyaana WBO fi Baraa Haarawa Ilaalchisee, CTBOBM Milkiin Ayyaaneffatte.
WBOCairo2014_5WBOCairo2014_6Baqattoonni Oromo Magaalaa Cairo-Egypt keessa jiraatan ayyaana WBO fi Amajjii 2014 bara haaraa haala ow’aadhaan kabajatan. Galii ayyaanicharraa argamus %50 WBO gumaachuufis murteeffatanii jiru. Haala kanaan ayyaana waggaa haaraa bara 2014 fi yaadannoo qabsaawota Oromoo bilisummaa oromootiif lubbii isaanii wareeganii fi ammas wareegurra jiran haala nama gammachiisuun yaadanii waan dandeettii isaaniitiin qabsoo Oromootiifis gumaachuu fi tumsa barbaachisu godhuuf qophii ta’u isaaniillee insatanii jiru.
Barri 2014 bara gammachuu, kan milkii fi kan bilisummaa akka ta’us Oromoo ta hundaaf hawwii qaban ibsaniiru.
Barri 2014 bara tokkummaa fi bara hawwiin ilmoo Oromoo hundaa gutamu waaqni nuuf haa taasisu.
Koree Waldaya Baqattoota Oromoo Biyya Masrii
Amajjii 01 bara 2014
Gabaasa guutuuf:- http://www.oromiapress.com/

No comments:

Post a Comment