Saturday, January 11, 2014

Foolii Namaa !

Ogeeyyii wal’aansaa fi Ayyaantuus gaafadhee,
Dhukkuba koo fayyuuf baay’een tattaafadhe.
Hanlkan na hin raffisu kaasee na teessisaa,
Hoomaa “Namaa” keessaa Nama na feesisa.
Foolii Namaan dhabe, Maaloo Foolii Namaa!
Kanaaf na dhukkubaa, galgalaa fi ganamaa.
Dunquqquu kophxummaa keessaa wiwirriiqee,
Foolii Namaa suufuuf, “Nama”tti achi siiqee,
Namni na mil’atu tokko illee ni dhabamee,
Hundumtuu ko’eessa waa lamaan qabamee.
Kaan galda’ee koflaa, qas! qas! qas! qas! jedhaa,
Kaan dallansuun bokokeetu nama abootuu fedha.
Warra kofluu wajjin anis kofluuf yaalee,
Sababaa koflichaa fi madda isaas wallaale.
Warra kaanii wajjin dallanuus barbaadee,
Naman itti dallanus arguun dhabe gaadee.
Maal gammadeen koflas eenyuttan dallanas?
Dhaabbiittan fajaje ilaalaa kanas sanas. (2)
Kofluus tahe dallanuu lachuu isaa dadhabee,
Fooliin hawwee dhufeef fuunfachuun jalqabe.
Fuunfadhee, fuunfadhee mukaa-baala hin jedhuu,
Argachuu hin dandeenye kan funyaan koo fedhu.
Iccitiin “Nama” ammaa ergasii naaf galee,
Foolii Namaa hin qabu, bifaa fi dhaabbii malee.
Nyaata akkam sooratee Namni Foolii dhabee?
Moo funyaan kootu didee? Utaallootu na qabee? (2)

No comments:

Post a Comment