Monday, January 13, 2014

QEERROON YUNIVERSITII HAWAASAAMAMAJJIIN 1GUYYAAN WBO HAALA HOO’AN KABAJAME.‏

Amajjii 12,2014 Hawaasaa
Qeerroon Yuunivarsiitii Hawaasaa gaafa 2/1/2014 guyyaa ayyaana waboo haala hoo’an kabajatanii oolanii jiru. Haala kabaja ayyaana WBO isa bara kanaa kan bara darbee irraa kan adda isa godhu qabxiilee sadan tokkotu jira isaanis;
1.KEESSUMMOONNI KABAJAA HEDDUUN  AYYAANICHA IRRATTI ARGAMANII ARGAA HEDDUU DABRSANII JIRU. Ergaan jaalli tokko dabarse akkas jetti; diinni keenya yoom illee fira nuuf hin ta;u waan ta’eef firaa fi diina keenya addaan haa baafannu.” BARA SIIF GAMTE NAMA ABBAA KEE AJJEESE WALIIN NYAADHU BARA SIIF MIJATE IMMOO GUMAA SAREE KEETII BAASI JEDHE.” Oromoon kamiyyuu waan isaa haa beeku haa kunuunsus. tokkummaan humna waan ta’eef tokko haa taanu , diinaf hin ergamnu keenyaf malee ergaa jedhu fa’i mana guutuf dabarsan.
2.HIRMAANNAN SHAMARRANII ISA BARA DARBEE IRRA DARAN HOO’EE MUL’ATE.
3.SABBOONTONNO OROMOO DANUUN ISAANII DHIIRAA DHALAAN UFFATA AADAN FAAYAMANII KABAJA AYYAANICHAAF SIIMBOO HIN JIRRE LAATAN
Walumaa galatti qabxiileen armaan olitti eeramuuf yaalaman kunniin ayyaana bara kanaa isa darbe irraa adda taasisu. Qeerroon yuunivarsiitii hawaasaa akkuma baratame sagantaa isaanii dungoo diimaa , magariisa, diimaa qabsiifachuun .fi akkasumas dungoo lakkoofsaa 2014 jedhu qabsiifatanii sagantaa isaanii haala hoo’an dabarsan. Walaloon hedduun onnee namatti hortuu fi quuqqaa garaa oromootaa daran madeessitu mana keessaa dhiyaattee jirti. Inni hunda caalaa nama gammachiisu immoo sabboontonni oromoo bara kana barnoota isaanii xummuranii eebbifaman kabaja ayyaana wbo isa bara dhufuuf spoonsara akka ta’an irbuu seenanii jiru.
Dhuma sagantichaa irratti walitti qabaan koree kabaja ayyaana bara haaraa yuunivarsiitii hawaasaa kolleejjii saayinsii fayyaa dhaamsa akkas jettu dabarse;
Ayyaanni kun ayyaana dur oromoon kajajaatin dhufe malee kan har’a namni dhuunfaa tokko kalaqe ta’uu beektanii oromoonni hundumtuu lafa jirtanitti waggaa waggaan yaadattanii akka ooltan jedha. Addunyaa kana irraa warra jalqaba calendariiykn dhaha uummata addunyaa kanaaf gumaachan keessaa uummanni oromoo isa tokko, sirni lakkoofsa isaas urjii dhahaa jedhama.Kanaafuu nuti oromoonni kaalendarii warri habashaa kalaqe kanatti fayyadamuu dhiifnee kan keenyatti dhimma haa baanu jedhuun ibsa baasanii jiru.

No comments:

Post a Comment