Tuesday, June 3, 2014

ABO Waliin Hidhata Qabdu Sababaa Jedhuun Bulchitootii fi Gaafatamtooti OPOO Godina Lixa Shawaa Hojii Irraa Arihamaa Jiru.

Waxabajjii 03,2014 Amboo
Q NEWS3AACaasaan Bulchiinsa Godina Lixa Shawaa Godina hanga gandatti Angoo irraa arihamaa jiraachuu gabaasi Qeerroo naannicha irraa gabaasa. Gaafa guyyaa Waxabajjii 1,2014 Mootummaan Wayyaanee angawoota OPDO sadarkaa gandaa, Aanaa, fi Godinatti aangoo bulchiinsa fi gaafatama OPDO irraa mulquun hojii irraa arihaa jiru.
Akka kanaan godina Lixa Shawaa keessaa ABO waliin hidhata qabduu fi sochii ABOn Oromiyaa keessatti taasisuu keessatti qooda ol aanaa qabaachuun keessan bira gahameera sababaa jedhuun aangawoota bulchiisnaa fi gaafatamtoota OPDO godina Lixa Shawaa hojii irraa arihaman keessaa:-
1.Obboo Shuumii Lataa bulchaa anaa Midaa Qanyii
2. Badhaasaa Of ga’aa Dabballee OPDO fi itti gaafatamaa waajjiraa dhaabaa OPDO kan ta’ee dabalatee kaabinootni aanaa midaa Qanyii dhalootan Oromoo ta’an namootmi 8 olitti lakka’aman gaaffii tokko malee ABO waliin hidhata qabdu sababaa jedhuun aangoo bulchiinsa irra arii’ataman.
Kana malees Guutummaa Godina Lixa Shawaa kanneen akka Amboo, Gudar, Tokkee Kuttaayee, Xuquur Incinnii, Jalduu, Geedoo , Baakkoo fa’itti haala walfakkatuun Angawootni aanaalee, Godinaa, fi gandoota aangoo irraa arii’amuu irratti argamu. Bulchitootni godina Lixa Shawaa hundi yeroo amma kanatti aangoo irraa kaafamanii, Godinichi humna waraanaa guddaan bulaa jira, sochiin uummataas waraanaan eegamaa jira qabeenyaan uummataas waraanaan saamamaa jira, yakkootni akka saamichaa, humnaan dirqisiisanii gudeeduu dabaltee uummaanni jumlaan hidhatti guurama jiraachuun beekamee jira.

No comments:

Post a Comment