Tuesday, June 10, 2014

FDG Wallaggaa Anfilloo Irratti Itt Fufe,Daandii Konkolaataa Dambi Dolloo fi Anfilloo Gidduu Guyyoota Lamaaf Cufamee Jira

Gabaasa Qeerroo Anfilloo Waxabajjii 09,2014

OromiaALutaContinua2011FDGGabaasa Qeerroo Qellem,Dambi Doolloo irraa Waxabajjii 09 addeessu. Mootummaan abbaa hirree mootummaan Wayyaanee FDG Oromiyaa keessatti gaaffii mirgaan wal qabatee isa balaaleffatu uummata Oromootiin finiinaa jiru dura dhaabbachuuf lubbuu Oromoota hedduu galaafataa fi mana hidhaatti guuraa saba biraa uummata oromoo irratti kaasuudhaan umurii sirna bittaa isaa achi butachuuf yaalii wal irraa hin cinne taasisaa jira.
Torbee kan hin caalle keessatti barataa sabboonaa Oromoo Anfillo ganda Ashii irratti ajjeesuun ni yaadatama. Kunis yeroo ammaa akka ifa bahetti ergamtoota sirnichaa keessaa kanneen human waraana Wayyaanee fi poolisii Wayyaanee waliin walitti hidhachudhaan uummata Oromoo ajjeesisuu irratti muudamanii aangoo argachaa jiraachuun beekama.
Haatau malee uummanni aanaa Anfilloo gandoota Heeneche, Dullii,Shuushaa, Yaarer,Gobbii,Ashii,Suddii fi Garjeeda irra jiraatu guyyaa kaleessaa Waxabajjii 08/2014 daandii gubbaatti bahuudhaan gana saa 2:00 irraa hamma galgala keessaa saa 12:00tti uummanni 2,000 ol hiriira FDG itti fufuudhaan dhaadannoo isaanii akka kana gadiitti dhageessisaa oolanii jiru.
- Mootummaan wayyaanee ajjeesaa fi saba oromoo nyaataan nurraa haa kau
- Mirgi dhala namaa kan eegu nuuf haa birmatu
- Ajjeefamuun nurraa haa dhaabbatu
- Kan hidhame mana hidhaatii haa bahu
- Mirgi keenya hin sarbamin
- Mootummaa nu fixu hin barbaannu,ofiin of bulchina
- Humni waraana federaalaa nu keessaa haa bahu
- Oromiyaan keenyuma
- Ammallee lafti oromo hin gurguramin,hin saamamin
- OPDOn bakka nun buhin,kan nu nyaatuu fi nu ajjeesu nurraa haa dhaabbatu
Jechuudhaan guyyaa kaleessa uummanni daandii gubbaatti bahuudhaan hiriira FDG itti fufanii sagalee isaanii dhageessisaa oolanii jiru. Kun Waxabajjii 8/2014 yoo tahu akka gabaasa guyyaa haraa Waxabajjii 9/2014 addeessutti ammoo daandii konkolaataa godina Qellem Dambi Doolloo irraa gara aanaa Anfillootti geessu mukeen jigsuu fi konkolaataadhaan danqarani cufuudhaan aanaa Anfilloo keessa humna waraana Wayyaanee waliin hiriiruudhaan goojjamoota uummata Oromoo irratti kaanii jiran sakattauudhaan tarkaanfiin iirratti fudhatamaa tureera. Kanneen nageenya qaban osoo hin taanee waraana Wayyaanee waliin hiriiruun iilmaan Oromoo hiisisuu fi hordofsiisuun qabsiisuu irrattii argaman uummanni jirattoota Aanaa Anfilloo akeekachiisanii jiru.

No comments:

Post a Comment