Waxabajjii 21/2014 Godina Lixa Shawaatti Sabboonaa Dargaggoo Oromoo Galaanaa Nadhaa Cawwaaqaa daraaraa mootummaan fashistii Wayyaanee irraan ga’een dhukuba sammuuf saaxilamee dhukkubsachaa kan ture, haalli dhukuba isaa yeroo irraa gara yerootti waan itti jabaateef guyyaa har’a lubbuun wareegamuu dhageenye gadda guddaatu nutti dhaga’ame.
Galaanaa Nadhaa Cawwaaqaa Godina Lixa shawaa Aanaa Tokkee Kuttaayetti abbaa isaa obboo Nadhaa cawwaqaa fi haadha isaa addee
Geexee Hachaaluu irraa bara 1972tti dhalatee. kutaa 1-8 manaa barumsaa tokkee Irressaa sadarkaa 1ffaatti xummure.Kutaa 9-12 manaa barumsaa Amboo sadarkaa 2ffaa tii baratee. Galaanaan namaa barumsaa issaan baay’ee cimaa ta’ee turee Akkasumaas qabsoo ummataa Orommoo irrattii namaa gumaachaa guddaa buusee turee Baratoota walittii qabee waay’ee qabsoo kan barsisaa turedhaa. baraa 1992 waay’ee bosonaa baale yeroo gubatuus adda duree tahuun gaaffii gafachaa fi fincilaa diddaa gabrumaa fininsaa kan turedha. barumaa kanaa keessa harkaa dinaan qabamee manaa hidhaa masaraa mootummaa kan magalaa amboo keessattii reebichii fi dararaan guddaan iraa gahaa kan ture keessaa issaa adda duree dha.
Kanaa qofaa mitigaa Galanaan namaa GUMII AADAA FII AFAAN Oromaa yeroo jalqabaaf manaa barumsaa Amboo sadarkaa lammaffaa keessaattii akka dhaabatuu taasissee keessaa isaa addaa duredhaa.
Baraa 1994 A.L.H qabsoo diddaa gabrummaa turee irrattiis gumaacha gudda kan raawwachaa turedha. Baraa kanaas yeroo lammafaaf harkaa dinaa galuun dararaan guddaa kan irraa gahee turee. Baraa kanaa qormaata kutaa 12ffaa waan fudhatuuf manumaa hidhaa sanatti akka kenamuuf tasifamee . Achumaa manaa hidhaa keessa tahee qabxii boonsaa 3.6 galmeesisuun barnoota sadarkaa…….. ol anaaf garaa Universitii Maqaleetti ramadamee. Akkumaa hidhaa baheen barnotaaf garaa Unversitii Maqalee qajelee barumsaa isaa itti fufee. Guyyoota murasaan booda ….. mootummaan wayyanee hordofaa turtee osoo innii garaa dormittii deema jiruu dubaan rukkuttee kuftee bakka inni kufettii summii sammuu namaa adoochuu warananii biraa sokan . Galaanaa bakka kufee sana bulee ganamaa hiriyyonni isaa achittii isaa arganii iyyanii garaa manaa yaala finfinnee Amanuel jedhamuu geesaan garuu maal godharee lubbuun keessa jirattuus sammuun isaa sirrii hin turre. Dhukkubaa isaa baatee waggaa 11 rakkachaa turee guyyaa harraa lubbuun isaa dabartee.21/6/2014 biyyoon itti haa salphatuu.
Qabsa’aan ni kufaa Qabsoon itti fufa!,
Injifannoon Uummata Oromoof!.