Friday, June 6, 2014

Wallagga Naannoo Beegii Keessaa Oromoonni Waraana TPLFn Qabamanii 200 Ta’an Yeroo Hidhaman 9 Ammoo Bakka Buuteen Isaanii Dhabame.

Qeerroo bilisummaa
Waxabajjii 06,2014 Wallagga Beegii
Sochiin FDG uumanni Oromoo guutuu Oromiyaa keessatti qabsiise itti fufee Wallagga naannoo Beegii keessatti diddaa barattootii fi qonnaan bultooti Oromoo kaasaniin wal qabatee Oromoonni 200 ol ta’an manneen hidhaa adda addaa keessatti ugguramanii kan jiran yeroo ta’u kanneen keessaa Oromoonni 9 hanga ammaa bakka buuteen isaanii hin beekamne.Maatii fi sabboontoti Oromoo manneen hidhaa naannoo san jiran keessaa barbaadanii fi barbaachisanii akka dhaban gabaasi Qeerroo naannicha irraa nu gahe addeessa. Kanneen kunis:-
1.Asfawuu Lissaanaa fi
2.Qaddamaa Beekkataa,ijoolleen kun lamaan jiraattoota magaalaa Begii ganda 01 keessa kan jiraataa turan yeroo ta’u.
1.Daawwit Bal’inaa
2.Abdii Raggaasaa
3.Malkaamuu Abarraa
Barattooti kuniin ammoo barattoota jiraattoota magaalaa Begii naannoo Gaba Dafinooti.
4.Bakkalcha Mikaa’el
5.Gammachis Mikaa’el
6.Zakkaarii Dhaabaa
7.Ramadaan Xahaa
Gama kaaniin  ammoo qote bultoota magaalaa Begii Guddaa kan jedhaman keessa jiraatan lama Waxabajjii 04,2014 qabamanii bakka buuteen hin baramne keessaa namni lama:-
1.Alii Tarfaa
2.Abbush Taakkalee
Kanneen jedhaman yeroo ta’u Mootummaan Wayyaanee hidhaa fi ajjeechaa akkasumas dararaan ilmaan Oromoo qabsoo irraa duubatti deebisu akka hin dandeenye qeerroon addeessa.

No comments:

Post a Comment