Monday, June 16, 2014

Qunceen waliin taate Arba taati



ODUU GAMMACHIISA GUYYAA 06 10 2006
Mata duree marii:dhimma master plan magaalaa
Finfinneef magaaloota godina adda naannoo oromiyaa fi
Nuti oromoonii qaamni tokko ture
akkamiin tokko ta’uu dandeenyaa jedhu
Irratti waliin mari’atame
Qabxiin ijoon dhimma maree kanaa fi namoonni irratti
hirmaatan bayyinni isaa namoota 46 dha
Mareen kun kan inni qophaa’ee magaalaa finfinnee
Naannoo kotobeettidha
Marii kana kan qopheesse baratoota universiitii
Naannoo adda addaarra walitti dhufaniidha
Qomoon irrattii affeerame

1) OPDO kessaa quuqamtoota oromoo
Namootaa sadarkaa geggeessumaa irra jiran nama 6

2) HOOMAA WARAANAA keessaa nama 4 karaa bilbilaan
Wal gahicharra utuu jirruu kan afferaman sagaleedhaan
Dhaamsa isaanii dabarfataniidha

3) ABBOOTA QABEENYAA keessaa nama 7
4) BARATTOOTA universitii garaagaraa keessaa
Dhufan nama 12
5) BARSIISOTA naannoo universiti jiran keessaa nama 7
6) HOJEETOOTA MOOTUMMAA nama10
Namoota kana wajjiin saa’aa lamaaf marii galma nama
Dhuunfaattii gochuudhaan ibsa ejjennoo armaan gadii
Kana baafanneerraa

1) MILIYOONA shantamaan gabroomurraa miliyoonni
45 n dhumnee miliyoonni 5n bilisoomna.
2)garaaf jechuun kana boodaa haa dhaabatu.
Nutis ummanta oromoo taanee lammaffaa ummata
Oromoo yoo miinee dhiigni ummata keenyaa nu maraachee
Ummata kana gidduu quullaa nu haadeemsisu.

3) nuti tokko yoo taanee oromiyaa utuu hin taanee
Addunyaayyuu ummata gadi qabuu dandeenyuudha jedhan.

4) hojjattootaa OPDO hundaafiyyuu dhaamsa keenya amma  
Irraa eegallee kan dabarsinu taha kan jedhuu.
Namni kana gochuu hin dandeenyee yoo jiraatee
Namni tokko dhufee haadhaa manaa inni wajjiin jiraachaa
Jiru yoo fudhate hin dubbatu jechuudha jedhan.
Inni biraan immoo dhiimi kun kan barataa utuu hin
Taanee kankeenyaa.Sababni isaa utuu nu hin bulchina
Jennuu biyya nu harkatti hiratanii fixan.Nuti waggaa 15niif
Yoo akkasitti itti fufne biyyi oromiyaa jedhamtu hin jirtu
Kanaafuu kana caalaa seenaan akka nu tuffatu hin barbaannuu
Amma akka nama baratee tokkotti yaaduun nurraa eeggama malee
Karra nyaataa qofa yaaduun nurraa hin eeggamu.
Ani jedhu yaada kennaan kun mootumman kun gaafaa angoo qabatee
Eegalee wajjiin tureera haa tahu malee isaa ummata kanaaf nagaha
Yaaduu hin argine.Amma garuu akeekkachiisa kan hin qabne ummatni keenyaa
Haa dammaqu nus dammaqneerra.kun nuuf hojii torbaan tokko hin guutu
Jechuun yaada isaani xumuran.
Inni gara biraan gama barattotaatiin yaada dhihaachaa tureedha.
Yaadaa kennamee hundumaatti gammachuu guddaadhaan
Erga simatan booda itti fufuun akkas jedhan. SAbaba buddenaatiif
Dhala keessan dabarsitani diinatti kennuudhaan maaliif garaa
Jabaattanii turtan??? Haa tahuu kan darbee mitii amma garuu
Biyya ofii keessanii bulchuu dandeessan keessatti ormi dhufee
Yoo isin jalatti dhala keessan ajjeesuu isinitti dhagahamuu qaba.
Adaraa jedhan barattotni kun wal gahanii afaan tokkon AGARBA TAATANII
GARBA nun godhinaa jedhanii xumuran.
Gama waraanaatiin yaanni ka’e karaa bilbilaatiin akkas ture
Nuti kalleessa barattotaa. har’a waraanatti yoo makamneyyuu
Seenaa hin dagannu yeroo kam caalaa wajjiin hojjachuuf nuti
Baay’ee qophoofneerra jechuun yaadaa isaanii erga kennan boodaa
Nuti ummata keenyarraa adda miti warri du’an kun nuuf obbolaadhaa
Warri kana garuu akka jaldeessatti dha’aan deebi’u.
Kanaaf yaada nuuf kaaftan kun nu biratti iddoo ol aanaa qaba jechuun
Yaadaa isaanii nuu laatanii jiru.
Wal gahiin kun yeroo adda addaatyii deebi’ee akka itti fufu murtaa’eera.
Akka barbaachisumma isaatti immoo ummataaf dhaamsa ariifachiisaa
Yeroo yerootti akka darbu gochuuf karaa keessaaf alaa dhiibba akka
Godhamu dhaamsa dabarsaniiru.
Abbootiin qabeenyaas gama isaaniitiin akkas jechuun yaada
Isaanii ibsan, qabeenyii kun kan ummataatii kanaafuu nuti ummata
keenyaa bira ni dhaabbana jechuun wal gahichi yaa’ii lammaffaa
Irraattii wal beelamuun gargar ba’ameera.
jedha akka agabaasaan keenyyaa finfinnerra nuun gahettii

No comments:

Post a Comment